Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dirooniin Yukireen Keellaalee Boba’aa Ishee Haleeluu Raashiyaan Beeksiste


Gamoo jireenya waraanaan barbadahe, Marupilii, Yukireen, Ebls 14, 2022.
Gamoo jireenya waraanaan barbadahe, Marupilii, Yukireen, Ebls 14, 2022.

Dirooniin yukireen keellaalee boba’aa ishee haleeluu raashiyaan beeksistee jirti.

Gareen lama lammiilee Raashiyaa Kanneen Kiremliin morman irraa hundeeffamuu isaanii beeksisan, Gara Raashaatti qaxxaamuruu isaanii himaniiru.

Ministeerri ittisaa Raashiyaa akka jedhetti humamoonni shororkeessummaa Yukireen naannoo Beelgorood fi Kursk irratti qiyyaafachuu dabalatee kallattii sadiin Raashiyaa weeraruuf yaalan.

Haleellaan waraanni Yukireen Kibxata darbe qilleensarraa irraan raawwate magaalaa galma mootummaa Raashiyaa, akkasumas naannolee Yukireen waliin wal daangessan fi kan akkaan Raashiyaa-tti siqee jiru irratti fuuleffate.

Bulchaan naannoo Nizhnii Novgorood kan Yukireen irraa fageenya kiiloo meetira 775 irratti argamtuu akka jedhanitti, dirooniin Yukireen warshaa boba’aa qulqulleessu irratti ibidda qabsiise. Dhiha Raashiyaa naannoo Oryool jedhamu keessaa bulchaan naannichaa, balaan diroonii bakka boba’aa tokkotti mudate achitti ibiddi kan kaase ta’us lubbuun namaa darbe hin jiru jedhan.

Dirooniin Yukireen naannoo Beelgorood kan Yukireen waliin wal daangessus haleellaa raawwachuun namoota tokko tokko ibsaa malee akka hafan taasisuu bulchaan naannichaa beeksisaniiru.

Kantiibaan magaalaa Moskoo Sargee Sobiyaanin akka jedhanitti, humni ittisa qilleensaa Raashiyaa diroonii gara magaalaa guddoo Raashiyaatti balali’aa ture barbadeessee jira. Caccabaa diroonii kufe irraan kan ka'e miidhaa akka hin geenye gabaasaniiru. Angawoonni naannoo Tuulaa fi Kursk Kibxata darbe naannolee sanatti dirooniin Yukireen barbadaa’uu gabaasan. Angawoonni Yukireen keessaa naannolee hedduu keessatti halkan halkan of eeggannoon akka taasisamu akeekkachiisaniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG