Itiyoophiyaa keessatti rakkoowwan amma mul’chaa jiraniifis ta’e kanneen duraan turaniif furmaata akka ta’uuf mariin biyyooleessaa akka taasifamuuf gama mootummaa Itiyoophiyaan Komishiniin erga hundaa’ee waggoota lakkoofsiiseera. Mariin biyyoolessaa Itiyoophiyaatti taasifamuuf jiru kun dhugumaan rakkoo Itiyoophiyaa keessaaf furmaata ta’uu danda’aa?
Komishiniin marii biyyaaleessaa Itiyoophiyaa marii biyyaaleessaa gaggeessuuf rakkoon nageenyaa biyyattii keessa jiru na danqeera jedha. Gama biraatiin immoo qaamooleen hidhannoon socho’an fi mootummaa wajjiin wal waraanaa jiranis akka itti hirmaatan fedhii kooti, jedha Koomishinichi. Mitikkuu Fiqaaduu dhimmoota kana irratti namoota yaada marii kanatti hirmatanii fi ogeessoota dubbisuun qophii qindeesse qaba.
Forum