Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yunaayitid Isteetis Maallaqa Gargaarsaa Sochii To'annaa HIV/AIDS'f Oolu Itiyoophiyaaf Kennite 


U.S. Ambassador to Ethiopia Ervin J. Massinga and Minister of Health H.E. Dr. Mekdes Daba gave remarks at the PEPFAR Country Operational Plan 2023 (COP23) approval meeting in Addis Ababa, March 18, 2024.
Yunaayitid Isteetis Maallaqa Gargaarsaa Sochii To'annaa HIV/AIDS'f Oolu Itiyoophiyaaf Kennit

Maalaqnii kun kan ramadamee dhaabbata Karoora Hatattamaa Gargaarsaa AIDSi kan Prezidaantii Yunayitid Isteets/PEPFAR jedhamuu irraa yemuu ta’u, kaayyoon isaas, bara 2030ti dhibee HIV /AIDS too’annoo jala olchuudhaaf karoora kaa’ame fiixaan baasuudhaaf akka ta’e beekameeraa.

Yunaayitid Isteetsitti qindeessaa dhimma HIV/AIDS kan idilee adduunyaa fi itti gaafatamaa biiroo nageenyaa fi diplomaasii fayyaa kan ta’an Ambaasader DR. Joon N. Nkeengaasoong gargaarsii kun kan kenname karoora hojii biyyaa “Country operational plan” ykn COP 2023 jedhamee beekamu jalatti akka ta’e ibsanii jiru.

Dhimmaa kana irratti marii karaa tooraa marsariitin taasifame irratti Ityoophiyaatti ambaasaddara Yunaayitid Isteets kan ta’an Erviin Maasingaa fi Ministeerri fayyaa mootummaa Ityoophiyaa Dr. Meqides Dhaabaa hirmaachuudhaan akka yaada isaanii gumaachaan gabaasameera.

Gargaarii doolaara miiliyoonii 100 fi miiliyoon 11 ykn Birrii Biiliyoonii Jahaa raggasisamuu isaa kan ifa taasisan Ambaasader Nkeengasoong sagantaa sochii bara 2030ti HIV/ AIDS too’achuuf taasifamaa jiru Ityoophiyaa akka bakkaan geesuu kan gargaaru akka ta’e dabalanii ibsaniiru.

Karoorri kun namoottan bakka walitti bu’insii itti hammatee jiru keessaa jiran irrati caalaatti kan xiyyeeffatu yemmuu ta’u, tooftaa namoottan dhibee sanaan qabamanii addaan baasanii baruu, namoottan dhibichaaf saaxilamoo ta’an kan akka ijoolleewwanii, dargaggootaa fi wareen hokkoorri saalaa irratti raawwatame irratti akka caalaatti xiyeeffatu beekameera.

Dhaabbannii gargaarsa atattamaa HIV /AIDS kan Prezidaantii Yunaayitid Isteets inni “PEPFAR” jedhamee beekamu, waggoottan 21n darban keessatti gargaarsa doolaara Biiliyoonii Sadii ykn birria Biiliyoonii 100 fi Biiliyoonii 62 ta’u sochii Ityoophiyaan HIV/AIDS too’achuudhaaf taasifteef kennuun isaa gabaasameera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG