Xurree ittiin seenan

Breaking News

Miseensota Mana-Maree Dabalatee Namoonni Labsii Yeroo Muddamaan Hidhaman Sarbamni Mirgaa nu Irratti Raaw'atamaa Jira Jechuun Iyyatan


FAAYILII - Magaala Finfinnee
FAAYILII - Magaala Finfinnee

Namoonni 14 kanneen labsii yeroo Ariifachiisaan to’annaa jala jiran qaamoolee mootummaaf xalayaa barreessaniin sarbamni mirgaa nurratti raawwatee jira, jechuudhaan xalayaalee iyyannoo dhaabota adda addaatti ergataniin beeksisan.

Miseensota mana maree dabalatee kanneen labsii yeroo arifachiisaan to’annaa jala oolaniiran xalayyaa gaafa Bitootessa 10, bara 2016 A.L.Itti mana maree bakka bu’oota Uummataa Itiyoophiyaa, Mana murtii walii gala fi ministira haqaa Itiyoophiyaaf barreessan kanneen baay’inni isaanii 14 ta’anii fi maqaa f mallattoon isaanii irra jiru sarbinsi mirga namoomaa nurratti raawwatameera jedhan.

Namoota xalayaa kana barreeffatan keessaattis miseensa mana maree bakka bu’oota uummataa Itiyoophiyaa kan turan Obbo Kiristiyaan Taaddalee, Miseensa mana maree naannoo Amaraa kan turan Obbo Yohaannis Buwaayaaleew fi Miseensa mana maree Bulchiinsa magaalaa Finfinnee kan turan Dr. Teshaager Kaasaa argamu. Xalayaa isaanii kanarrattis ji’oota 7 darbanii fi isaa oliif Amaarummaa keenyaan dabaan ukkaamfamnee , dhokfamnee fi haqa dhabnee argamna jedhanii erga to’annaa jala oolfamnee kaasees miidhaa qaamaa, Hamilee Xiinsammuu nurratti raawwatameeras jedhaniiru. Yeroo hidhaa keessa jirru kanattis maatii fi firoota akkasumas gorsitoota seeraa keenyaa waliin akka wal hin argine taasifamneerras jedhaniiru. Shakkamtoonni kun xalayaa isaanii keessatti jalqabarra Finfinneetti achiis Kaampii waraanaa Awwaash Arbaatti fi bakkoota hin beekamnes nu geessauun hidhamaa jirra jedhanii nyaata dhabuu, haalli qilleensaa rakkisaa ta’uu fi kanneen biroo kaasanii dhukkubootaafis saaxilamneerra jedhaniiru.

Dhimma kanarratti Abukaatoo fi Gorsaa seeraa kan ta’an obbo Solomoon Gazzaaheeny ibsa sagalee Ameerikaaf kennaniin maamiloonni isaanii osoo mirgi himatamuu dhabuu irraa hin kaafamiin yeroo dheeraaf to’annaa jala turuu himuun isaan waliinis wal arguu akka dhorkamanis eeraniiru.

Miseensa maatii warra to’annaa jala jiraanii kan ta’anii fi nageenya isaaniif sodaa qabanirraa maqaan isaanii akka himamu kan hin feene tokko immoo xalayaan namoota to’annaa jala jiranii kun waajjiraalee maqaa dhahaman galuu ibsaniiru.

Xalayaa namoota to’annaa jiranii kanaa ilaalchisee qaama mootummarraa deebii argachuuf yaaliin taasise har’aaf hin milkoofne jechuun Finfinneerraa Keneedii Abaateetu gabaase.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:57 0:00
More
XS
SM
MD
LG