Xurree ittiin seenan

Breaking News

Israa’el Gara Gaazaatti Gargaarsii Namoomaa Akka Seenuuf Yaalaan Jira Jetti


Oggaa beelli hammaatee jiru kanatti namoota qarqaarsa argatan baatanii deeman, magaala Gaaza, Ebla 3, 2024.
Oggaa beelli hammaatee jiru kanatti namoota qarqaarsa argatan baatanii deeman, magaala Gaaza, Ebla 3, 2024.

Israa’el gargaarsi namoomaa gara Gaazaatti geessuuf haala mijeessuuf jecha Jimaata har’a tarkaanfii fudhachaa akka jirtu ibsiteetti. kunis qaxxaamuraa daangaa ijoo kan gara Gaazaa Kaabaatti geessu deebistee banuun dabalata.

Tarkaanfiiwwan yeroof fudhataman kunneenis qaxxaamuraa Erez deebi’ee banamuu fi buufata doonii Ashdood fayyadamuu kan dabalatudha. Qaxxaamurri Erez buufata namoonni gara Gaazaa imalan fi achiis deebi'uuf itti fayyadamuu danda'an qtokkittii dha

Gama biraatiin, gargaarsa namoomaa Gaazaaf ergamu karaa buufata doonii Israa’el Ashdoodiin kan gaggeeffau ta’a. Gargaarsaa Joordaanis ergamuus karuuma sanaan gaggeeffama.

Waajjirri muummicha ministeeraa Israa’el ibsa baaseen, “Gargarsi dabale kun rakkoo gargaarsa namoomaa kan ittisu yoo ta’u, itti fufiinsa lolaa mirkaneessuu fi kaayyoo waraannichaa galmaan ga’uuf barbaachisaa dha” jedheera. Ibsichi baay’ina ykn gosa gargaarsaa seenan bal’inaan hin ibsine.

Israa’el Jimaata har’a kana kan beeksifte erga Netaaniyaahuu fi pirezidaantii Amerikaa Joo Baayiden gidduutti haasaa gama bilbilaan gaggeffamee fi muddamasa uumamee ture sana booda.

Baayiden Kamisa kaleessaa Mummicha Ministiraa Israa’el Beenijaamin Netaaniyaahuutti akka himanitti, deeggarsi Yunaaytid Isteetis waraana Israa’el Hamas waliin taasiftu itti fufuun, akkaataa Israa’el tarkaanfiiwwan haaraa fudhattee lammiilee nagaa Falasxiin Gaazaa keessa jiranii fi hojjettoota gargaarsa namoomaa nyaata isaaniif fiduuf yaalan itti eegduun kan murtaa’u ta’uu ibsaniiru.

Humnoonni Israa’el haleellaa xiyyaaraa hojjettoota gargaarsa idil-addunyaa torba ajjeese erga ibsanii guyyoota muraasa booda, Baayiden bilbilaan hogganaa Israa’eliif “haaleellaa hojjettoota gargaarsa namoomaa irratti raawwatamee fi haalli gargaarsa namoomaa waliigalaa fudhatama akka hin qabne” cimsanii dubbachuu Waayit Haawus ibseera.

Walitti bu’iinsa baatilee ja’a guutuuf jedhu kana keessatti, lammiilee nagaaf eeguumsa gochuuf tarkaanfii haaraa akka fudhatamu kan gaafatan Baayiden ''hatattamaan dhukaasa dhaabuu'' akka ta’u gaafatan.

Ministirri Dhimma Alaa Yunaaytid Isteetis Antonii Biliinken Biraasels keessatti ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin, “jijjiirama arguu qabnu yoo hin arginuu ta’e, imaammata keenya irratti jijjiiramni ni jiraata” jedhan.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG