Xurree ittiin seenan

Breaking News

Daandiin Sababaa Rakkoo Nageenyaan Cufamee Ture Akka Banamu Murtaa’e, Jedha Waajjirri Kominikeeshinii Godina Shawaa Kaabaa


Ibsa komaand Poostii giddu galeessa Shawaa wabii gochachuun har’a fuula Feesbook isaa irratti ragaa argate jedhe kan beeksise waajjirri kominikeeshinii godina Shawaa kaabaa, rakkoo nageenyaan wal qabatee daandiin Debre Birhaanii Dasee dhaqu adda citee kan ture ta’uu isaa ibsee jira. haa ta’u malee nageenyi naannoo sanaa fooyya’aa waan adeemeef jecha gaaffii uummataa irratti hundaa’uudhaan daandiin mootummaa federaalaan hoogganamu imaltootaaf banaa akka ta’u murtaa’uu isaa beeksisee jira. ibsi sun rakkoo nageenyaa jechuu irraan kan hafe ragaa dabalataa hin kennine.

Haa ta’u malee ji’a taokkoo fi torban lama dura komaand poostiin godina Shawaa kaabaa hidhattoota Faannoo finxaaleyyii ittiin jedhe irratti tarkaanfii fudhachuu akka isa dandeessisu, adeemsa kanaanis namoonni nagaan akka hin miidhamni jechuu dhaan Finfinnee irraa karaa Dabre Birhaan geejjibi lafoo gara Daseetti deemu akka cufamu gochuun isaa ni yaadatama. Prezidaantiin federeeshinii geejjiba Itiyoophiyaa Birhaanee Zeri’uu VOAf akka ibsanitti Komaand poostichi murtii inni dabarsetti aanee har’a Finfinnii irraa konkolaataa gara Daseetti deemu bobbaasuu jalqabuu isaa mirkaneesseera jechuun Mesfin Arage gabaaseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG