Qondaala Siyaasaa ABO Obbo Battee Urgeessaa ajjeefaman jedhamuu hordofee poolisiin Godina Shawaa Bahaa namoota 13 to’annaaa jala oolchuun gabaafamee jira. Sabaa-himaaleen mootummaa kaleessa gabaasa kana ifa taasisan eenyummaa namoota to’annaa jala oolfaman jedhaman kanaa waanti ibsan hin jiru.
Gama biraan firri maatii Obbo Battee Urgeessaa yaaddoo nageenya isaaniitiif jecha maqaan isaanii akka eeramu hin feene VOA’f ibsa kennaniin kaleessa sirna awwaala Obbo Battee tii booda miseensota maatii keessaa namootni lama to’annaa jala oolfamanii akka turan himan
Forum