Naannoo Oromiyaa, godina Wallaggaa Lixaa, aanaa Beeggiitti Walitti bu’iinsa humnoota mootummaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo gidduutti itti fufee jiruun namoonni sadii ajjeefamuu jiraattonni himan. Akka jiraattonni jedhanitti, sababni ajjeechaa kanaas sakatta'iinsa tibbana humnoota mootummaatiin miseensota Waraana Bilisummaa Oromoo barbaaduuf taasisaamaa jirudha. Ajjeechaa kana ilaalchisee aangawoota nageenyaa aanaa Beegii fi godina Wallaggaa Lixaa akkasumas Biiroo bulchiinsa fi Nageenya Oromiyaa irraa deebii argachuuf yaaliin taasisne hin milkoofne. Mootummaan irra dedeebin yeroo ibsaa turetti lammiilee nagaa irratti akka hin xiyyeeffanne ibsuun himannaa irratti dhiyaatan kana haalaa ture.
Forum