Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mootummaan Itiyoophiyaa Rakkoo Biyyattii Furuuf Deggersa Bu’a Qabeessi Argamuu Beeksise


Dubbii Himaa Ministira Haajaa Alaa Itiyoophiyaa, Obboo Nabiyyuu Tadilaa
Dubbii Himaa Ministira Haajaa Alaa Itiyoophiyaa, Obboo Nabiyyuu Tadilaa

Sagantaa deeggarsa walitti qabuu Jeenevaatti qophaa’e irratti Itiyoophiyaan Doolaara Miiliyoona 630 aragachuu ishee dubbii himaan ministira haajaa alaa Itiyoophiyaa Obbo Nabiyyuu Tadilaa ifoomsan. Kibxata dabarsine gaafa Ebila 16 bara 2024 Jenevaatti qopheessummaa Itiyoophiyaa, Yuunaayitid Kingidamii fi dhaabbata mootummoota gamtoomaniin qophaa’ee gargaarsa hatattamaaf kan oolu maallaqa doolaara Ameerikaa biiliyoona tokko biyyoota arjamtoota irraa walitti qabuuf karoorfamuu kan himan Obbo Nabiyyuun hanga barbaadame ta’uu baatus gargaarsi dhiibbaa uumuu danda’u argameera jedhan. Gargaarsichi hangi barbaadamu argamuu kan hin danyees haala nageenyaa amma Addunyaan keessa jirtuun dhiibbaa dhufedhas jedhaniiru.

Karaa biraatiinimmoo sagantaa gargaarsa sassaabuu kana ka’umsa godhachuun Gamtaan Awurooppa ibsa baaseen naannoolee Oromiyaa fi Amaaraa keessatti jeequmsoonni itti fufanii jiraachuun buqqaatii namootaaf sababa ta’uun isaanii na yaaddeessa jedheera.

Ibsa har’a dubbii himaan ministira haajaa alaa Itiyoophiyaa Obbo Nabiyyuu Tadiyaa sabaa himaaleef kennanirratti carraa gaaffii gaafachuu oduu gabaastoota muraasaaf qofa kennuu isaaniitiin waa’ee Ibsa Gamtaa Awurooppaa kanarratti Gabaasaan sagalee Ameerikaa Kenedii Abaatee gaaffii dhiyyeessuuf carraa hin arganne jedha.

Biyyoonni sagantaa gargaarsa Jenevaarratti Itiyoophiyaaf maallaqa gargaarsa walitti qaban , sagantichi gaggeeffamuuf guyyoonni muraasa yommuu hafutti ibsa baasaniin Itiyoophiyaan mirga namoomaa eegsiisuurratti hojjechuu akka qabdu gaafatan rratti mootummaan Itiyoophiyaa jeequmsoota biyya keessa jiran hiikuuf kutannoo akka qabu beeksisaniiru.

Sagantaa garaarsa hatattamaa walitti qabuu kan Itiyoophiyaa, Yuunaayitid Kiingidamii fi Dhaabbata mootummoota gamtoomaniin qophaa’erratti Itiyoophiyaan waantoota biyyattii keessatti jeequmsaaf sababa ta’en hundeerraa furuuf warra dhimmi ilaallatu akka hirmaachistu waadaa kan galte yommuu ta’u . Adeemsota jeequmsoota kanneen hundeerraa furuufis Mariin biyyaaleessaa fi ceehumsi haqaa keessatti argamu.

Maallqa amma deeggaarsaan walitti qabame kanaanis namoota bala nam tolchee uumamaan miidhan deebisanii dhaabuuf mootummaan itti gargaarama jedhan dubbii himaan ministira haajaa Alaa Itiyoophiyaa Obbo Nabiyyuu Tadilaa jechuun Finfinneerraa Keneedii Abaateetu gabaase.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG