Sirnaa cidha fuudhaa fi eerumaa Oromoo keessatti gamaa fi gamanaa maatiileen kaadhimaa dhiiraa fi ka durbaa walaloo fi yedeloodhaan wal arrabsu, wal-faarsus. Warri hiriyyoota durbee garee kaadhimaa dhiiraa arrabsoon simatu, intala isaanii ammoo ni faarsu. Warri kaadhimaa dhiiraa ammoo kaadhimaa durbaa eerumtee dhuftu arrabsoon simatu, gurbaa isaanii ammoo ni faarsu. Dhimma walaloo addaa fuudhaa fi eerumama kana irratti waloo fi qorataan waa’ee walaloo Oromoo, obbo Zalaalam Abarraa biyya Fiinlaand irraa Bafqaaduu Morodaa dubbisee jira.
Forum