Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yunaayitid Isteetis Qorannaan Waa’ee Ajjeefamuu Battee Urgeessaarratti Akka Gufachiifamuu Hin Qabne Hubachiiste


Yunaayitid Isteetis Qorannaan Waa’ee Ajjeefamuu Battee Urgeessaarratti Akka Gufachiifamuu Hin Qabne Hubachiiste
please wait

No media source currently available

0:00 0:05:25 0:00

Yunaayid Isteetis Koomishiniin mirgoota namoomaa Itiyoophiyaa qorannoo ajjeechaa Qondaala Olaanaa ABO dhiheenya ajjeesame Battee Urgeessaarratti taasisaa jiru irratti gufuun isa mudatuu hin qabu, jette. Ibsa kaleessa galgala Eembasiin Ameerikaa Finfinnee jiru maxxanseen, ajjeechaan angawaa kanaa sirriitti akka qoratamuuf Yuunayitid Isteetis tumsa taasistu itti fuftii, jedhe.

Obbo Lammii Gammachuu Sab – Qunnamtiin ABO gama isaaniitiin duraanis ABO’n qaamicha ajjeechaa kana qoraturraa shakkii akka qabu eeruun ammas koomishinich qorannoo ajjeechaa qondaala kanaa irratti geggeesse ifa baasuu qaba, jedhan. Koomishiniin Mirgoota namoomaa gama isaan qorannoon qaamaan Maqiitti gaggeeffamaa jiru adda cituu mirkaneessee, mala biraadhaan akka qoranichi itti fufu eere. Dhimma kana irratti qaamota mootummaarraa deebii argachuuf yaaliin Sagaleen Ameerikaa taasise hin milkoofne.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG