Xurree ittiin seenan

Breaking News

Muummichi Ministaraa Abiyyi Ahimed Baahir Daaritti Yeroo Hojii Riqicha Abbayaa Eebisanitti Hidhattootaaf Waamicha Nagaa Dhiheessan 


FAAYILII - Muummee Ministaraa Abiyyi Ahimed, Hojii Riqicha Abbayaa yeroo jalqabsiisan, Gubbaa, Guraandhala 20, 2022.
FAAYILII - Muummee Ministaraa Abiyyi Ahimed, Hojii Riqicha Abbayaa yeroo jalqabsiisan, Gubbaa, Guraandhala 20, 2022.

Waamicha nagaa kanas, magaalaa Baahir Daar keessatti hojiin ijaarsa isaa waggaa 4 dura kan jalqabamee fi qarshii Biliyoona 1.4 caalaa baasisee, xumuramuu isaa kan ibamee Riqiicha Abbaay ilaalchisee sirna eebbaa gaggeeffame irratti ture.

Sirna eebba Riqiicha dheeriina meetra 380 fi bal’ina meetra 43 qabu kana irratti, Dr Abiyyi, Barbaachisaa kan hin taanee fi imala nama ceesisuu mitii kan ittiina jedhan wal ajjeesuu fi badiin nu haa ga’u jedhan.

Obbooloota jechuun kan waaman fi qaamoota bosoona keessa jiran, mootummaan bulchiinsa naannooo waliin akka hojjatan waamicha dhiyeessan.

Haasawaan mummicha ministeeraa kun, waan ifa ta’eetu isa hanqaata kan jedhan prezidaantiin Innaat Paartii fi dura ta’an paartilee waltaatootaa Dr Seeyfe sillaasee Ayaaleew, waamicha nagaa furmaata argamsisuu miti jedhanii jiru.

Bulchaan bulchiinsa naannoo Amaaraa Obbo Araggaa Kabbadaa, haasaa mummicha ministeeraa irraa ka’uun fuula Fees buukii ofii irratti Wiixata har’a dhaamsa dabarsaniin,obbooloota bosoona keessa jirtan jechuun hidhattoota ibsaniif, rakkoo jiru marii fi yaada qaban wal jijjiiruun akka furamuuf gaafatan.

Mummichi ministeeraa Abiyyi Ahamad Roobii turban dabree staadiyamii wallaggaa kan magaala Naqamtee keessa jiruutti hiriira deggersaa qophaa’ee irratti haasawaa dhageesisaniin wal waraansii wal ajjeesuu fi wal nyaachuun haa ga’u Ijoolleen Oromoo ta’anii waa’ee rakko jiru dubbachuu dadhabuun haa dhaabatu jechuun waamicha wal fakkaata dhiyeessanii turan.

Dr Seeyfe sillaasee Ayyaaleew sagalee Amerikaaf yaada kennaniin, haasawaa fi dhaamsii mummichi ministeeraa lafa walitti bu’iinsii itti fufee jiru lameenti dhageesiisan walii isaa kan wal faalleessuu dha jedhan.

Humnootii bulchiinsa naannoo Amaaraa fi garee hidhattoota Faannoo giddutti haala adda addaan walitti bu’iinsii itti fufee jiru namoonni nagaan ajjeefamuu gareeleen mirga namoomaaf falman adda addaa yeroo yerootti gabaasuu isaanii Asteer Misgaanaaw Baahir Daar irraa gabaastee jirti.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG