Jilli Kongireesii Yuunaayitid Isteetisi keessaa ergaman pireezidaantii haaraa Taayiwaan waliin Wiixata har’aa wal aragnii dubbataniiru. Chaayinaanimmoo deebii daawwannaa kanaaf deebii kennuu kan fakkaatu naannoo odola ofiin of bulchitu kanatti erga haasaan daawwannaa fi gargaarsaa dhaga’ameen booda shaakala humna waraanaa gaggeessiteetti.
Kookasii Kongireesii Yuunaayitid Isteetisitti hoogganaa dhimma Taayiwaan kan ta’an Ripaabilikaanitichi Andii Bar Ameerikaan gama waraanaa, dippiloomaasii fi diinagdeetiin Taayiwaaniin deeggaruuf kutannoo qbdi jedhan. Jilli Kongireesii Yuunaayitid Isteetsi kan gara Taayiwaaniitti imaleeru dimokiraatootaa fi Rippaabilikaaniirraa kan walitti dhufaniiran yommuu ta’an Maayikeel Maakool dura taa’aa koree dhimma alaa mana maree Yuunaayitid Isteetisiin kan hogganamedha.
Forum