Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dhufaatiin Miidiyaalee yokaan Sabaahimaalee Hawaasummaa Miidiyaalee Idileetti Dhiibaba fi Bu’aa Fide?


Dhufaatiin Miidiyaalee yokaan Sabaahimaalee Hawaasummaa Miidiyaalee Idileetti Dhiibaba fi Bu’aa Fide?
please wait

No media source currently available

0:00 0:05:11 0:00

Dhufaatii sabaahimaalee hawaasaa hordofee sabaa himaaleen idilee bu’aa argatanus, gama biraan danqaaleen isaan mudataa jira jedhu Gaazexeessitoonni. Bosonaa Dheeressaa, gaazexeessaan Sabaahimaa Idilee Itiyoophiyaa keessa socho’uuf hojjetu, oduuwwan sobaa gama sabaahimaalee hawaasaan tamsa’an baballatanii sabaahimaalee idilee dhugaa baasuuf hojjetanillee danqaa itti tahaa jiru jedhee, itti fayyadamni saba himaalee hawaasaa kun itti gaafatamumma fi hordoffii seeraas qabaachuu qaba jechuun ibse.

Daani’eel Tesfaayee, oduu gaabaasaa Dhaabbata Waliif TV’ti, sabaa himaan hawaasaa hojii isaaf salphisus, oduun sobaa, maqa balleessiin gama Kanaan faca’a jedhe garuu duudhaa balleessaa akka jiru hime. Beyyenee Taaddesee Magarsaa; Barsiisaa gaazexeessummaa Yuuniversitii Amboo, Itiyoophiyaa keessatti sabaahimaaleen idilee hojii irraa eegamu hojechuu dhabuun babal’ina oduu dharaaf karaa banuu, mootummaa dabalatee odeeffannoo ragaan hin deeggaramne facaasuun ammas burjaajii uumaa waan jiruuf, barsiifatni kun seeraa fi itti gaafatamummaan sirrachuu baannaan biyyaaf balaadha jechuun dubbate.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG