Naannoo Oromiyaa godinaalee Wallagga lixaa fi Qeellam Wallagaa aanota garaa garaa keessatti sababa rakkoo nageenyatin qonnaan bultootni qophii qonna gannaatif danqamuu sagalee Ameerikaaf himaniiru.
Akka qonnaan bultoonni kun ibsanitti wal waraana WBO fi mootummaa gidduutti deemaa jiru sodaa itti ummeen qonnaan bultoonni ooyiruu qonnaati bahan qotachuu hin dandeenye jedhan.
Sababa amma qonna yeroo isaa eeggatee gaggeessuu dhabuunis qonnaan bultoonni yeroo itti aanu beelaf saaxilamna sodaa jedhu qabaachuu isaanis ibsaniiru.
Rakkoo qonnaan bultoonni kaasan irrattii waajjira qonnaa godinaalee Wallaggaa lixaa fi Qeellam Wallaggaa,akkasumas biiroo qonna Oromiyaa irraa deebii argachuuf yaaliin taasise har'aaf hin milkoofne.
Forum