Dilbata darbe paartileen naannoo Oromiyaa keessa socho’u jedhaman marii taasisanii turan. Maree kana irratti dhimmi misoomaa fi nageenyaa ijoo kan ture yoo tahu, bulchiinsi mootummaa naannoo Oromiyaa ammas rakkoo nagaa naannichaatiif dursa akka kennu ibsee jira.
Maree kana irratti KFO fi ABO’n akka hin hirmaanne kan beekame yoo tahu, Obbo Solomoon Taaffesee Pirezdentiin Paartii Addis Tiwuliddi fi Itti aanaan Itti gaafatamaa Mana Maree Paartilee siyaasaa Naannoo Oromiyaa paartileen kun wal gahii kana waamamanii hafan jechuun dubbatan.
Forum