Xurree ittiin seenan

Breaking News

Naannoo Kibba Itiyoopiyaa Keessaa Namoonni Ijoollee Barattoota Durbaa Butamuun Kanneen Shakkaman To’annaa Jala Ooluun Ibsame


Naannoo Kibba Itiyoopiyaa
Naannoo Kibba Itiyoopiyaa

Naannoo Kibba Itiyoophiyaa keessaa barattoota dubaraa yakka butuu keessaa harka qabu jedhamuun kanneen shakkaman namoonni 12 hidhamuu isaanii bulchiinsi aanaa Goorkaa beeksisee jira. Keessumaa godinicha aanaa Gorkaa keessatti rakkoon addatti mul’atu kun amma iyyuu kanneen yakka kana hojjetaniin ijoolleen durbaa butamanii fudhatamanii kan hin argamne jiraachuu poolisiin godinichaa ibseera.

Bulchaan aanaa Goorkaa obbo Aagenyehu Beqqelee, namoota yakka kanaan shakkaman qabuuf yaaliin taasisamaa jiraachuu isaa fi kanneen keessatti hirmaatan jedhamanii shakkaman to’annaa jala ooluu VOAf ibsaniiru.

Ijoollee durbaa butaman jedhaman keessaa Desaalech Sebaakii kan jedhamtu barattuun kutaa 8ffaa tokko yoo taatu, butamtee guyyoota 40 booda baduu dhaan gara maatii iseetti deebi’uu eessumni isee obbo Mesfin Saansoo dubbataniiru.

Obbo Mesfin akka jedhanitti kanneen yakka sana raawwataniif mucaa isaanii butan hanga yoonaa hin qabamin jiraachuu tuqanii ilaalchi mootummaa xiqqoo ta’uu qeeqaniiru.

Paartiin IZEMA ji’a tokko dura gabaasa baaseen godina Koree keessaa ijoolleen durbaa 24 butamanii fudhatamuu isaanii beeksisuu dhaan xalayaa maqaa isaanii qabu komiishina mirga namooomaa Itiyoophiyaaf galchuu isaa VOAN gabaasuun ni yaadatama.

Itti gaafatamaan waajjira komiishina mirga namoomaa Itiyoophiyaa dame Hawaasaa obbo Begaashaaw Isheetuu, butamuu durbootaa kana ilaalchisee eeruun isaan dhaqqabuu isaa fi hordoffiin taasisamaa jiraachuu VOAf mirkaneessaniiru.

Dessaalech fedhii ishee ala irra deddeebiin humnaan gudeedamuu kan dubbatan eessumn ishee obbo Mesfin qorannoon wal’aansa fayyaa adda ta’uufii isaa tuqanii, ulfooftee kan turteef ulfi isun ba’uu illee eeraniiru.

Yakki kun akka dhaabsisamuuf hawaasi sochii gochuu eegaluun ibsamee jira. Mootummaan naannoo Sanaa kanneen yakka kana kana raawwatan irratti adaba barsiisu hin fudhanne jechuun kan qeeqan obbo Mesfin ijoolleen isaanii mana barnootaatti erguu kan sodaatan ta’uu dubbatu. Itti gaafatamaan waajjira nagaa fi nageenya aanaa Sanaa obbo Biruk Ayyelee qeeqa sana hin simatan. Kanneen yakka sana adda durummaan raawwatan jedhamuun shakkaman to’annaa jala ooluu isaanii tuqanii tarkaanfiin seeraa akka irratti fudhatamu ibsaniiru.

Hawaasa Koree biratti gaa’illi butii dhaan dhaabatu akka barmaatilee miidhaa fidanitti ilaalamee akka hafu ta’uu ragaan godinaa sana biraa arganne beeksiseera jechu dhaan Mesfin Araagee gabaaseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG