Xurree ittiin seenan

Breaking News

Godinaa Iluu Abbaa-Boor Keessatti Reebichaa fi Miidhaan Miseensota Mana Amantaa Kiristaanaarratti Raaw’atame Jedhame Akka Qoratamu Gaafatame


Godinaa Iluu Abbaa-Boor Keessatti Reebichaa fi Miidhaan Miseensota Mana Amantaa Kiristaanaarratti Raaw’atame Jedhame Akka Qoratamu Gaafatame
please wait

No media source currently available

0:00 0:05:06 0:00

Dilbata darbe Godina Iluu Abbaa Boor Magaalaa Mattuutti reebicha fi miidhaan miseensota mana Amantaa Guutuu Wangeelaa kanneen lallaba karaarraaf bahan irra gahe akka qoratamu ka gaafataa jiran tahuu gaggeessitootni waldichaa VOA’f himanii jiran. Luba Yadataa Dabalaa, dura taa’aan Tokkummaa Waldaa Kiristaanaa Warra Wangeelaa Godina Iluu Abbaa Boor, reebicha Dilbata darbe miseensota waldaa Guutuu Wangeelaarratti raaw’atame jedhan gad fageenyaan akka qoratamuuf qaami balleessaa qabu seeraaf akka dhiyaatuuf qaamota mootummaa dhimmichi ilaallatu gaafataa akka jiran himan. Obbo Teshaalee Ejersoo kantiibaan magaalaa Mattuu taatee kanaaf sababa kan ta’e namootni eyyama malee sagantaa kanaaf bahuu isaanii akka tahetti himanii, dhimmichi qoratamaa akka jiru ibsan. Gama biraatiin godinuma Iluu Abbaaboor Aanaa Diiduutti torbee Dilbata darbe miidhaa Waldaa Kiristaanaa Qaalehiiwot irratti raaw’atame jedhameen namootni lama madaa’uu fi poolisiin namoota 15 to’annaa jala oolchuu himeera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG