Warshaan Sukkaaraa naannoo Oromiyaa godina Horroo Guduruu Wallaggaa keessatti argamu, waggoota sadan darban keessatti, walitti bu’iinsa humnoota mootummaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo gidduutti adeemsifamaa tureen miidhaan birrii biiliyoona afurii olitti tilmaamamu irra ga’eera jechuun Hojii gaggeessaan warshichaa VOA'tti himaniiru. Hojii gaggeesaan warshaa sukkaara Fincaa’aa Obboo Mangistuu Hayila Maariyaam guyyaatti dandeettii oomisha sukkaaraa kan warshichaa kuntaala kuma kudhan akka ture kan ibsan, sababa walitti bu’iinsa uumameen walakkaan hir’achuu ibsaniiru.
Miidhaa hammi ibsame kun miidhaa maashinarii, tiraaktaroota Shankoora oomisha sukkaaraaf barbaachiisu fi dandeettii oomisha waliigalaa irratti qaqqabe tilmaama keessa galchuun akka ta’e ibsaniiru. Addatti ammoo Caamsaa 12, 2015. Akkasumas, sababa haleellaa garee hidhate kanaan warshaan kun ji'oota jaha walitti aansuun hojii irraa kan hafe ta'uu ibsaniiru. Hojjettoonni warshichaa gama isaaniitiin rakkoon nageenyaa naannoo sanaa ammaa fooyya’uu ibsan warishichi hojii eegaleera jedhan. Tsheyaad Daamxootu gabaase.
Forum