Xurree ittiin seenan

Breaking News

Lammileen Israa’el Yerusaalem Keessatti Hiriira Mormii Ba’an


Faayilii- Lammiiwwan Israa'el Amajjii 17, 2024 Yerusaalem Keessatti hiriira ba'an
Faayilii- Lammiiwwan Israa'el Amajjii 17, 2024 Yerusaalem Keessatti hiriira ba'an

Lammiileen Israa’el kumaatamaan lakkaa’aman Wiixata kaleessaa Yerusaalemitti hiriira jumlaa geggeessuun, akkaataa Mummichi Ministeeraa Beenjaamin Netaaniyaahuun waraana Gaazaa keessatti raawwatame itti gaggeessan mormaniiru. Hiriirri kun gara mana jireenyaa dhuunfaa Muummicha ministeeraa Netaaniyaahuu osoo hin deemin dura paarlaamaa Israa’el Knesset alatti eegale.

Mormitoonni kunneen mootummaan booji’amtoota hafan kanneen gareen hidhattoota Falasxiin Onkoloolessa 7 darbe Israa’el gama kibbaa irratti haleellaa lubbuu namaa galaafate sanaan qabaman, akka deebi’aniif Hamas waliin akka mari’atu, akkasumas filannoo paarlaamaa dafee akka gaggeeffamu gaafataniiru.

Dhaabbatii oduu Rooyitars akka jedhutti, mormitoonni hangii tokko namoota baay’ee ta’an irraa addaan ba’anii ittiisa poolisii kaa’ee cabsuuf yaalan. Humnoonni nageenyaa mormitoota hiriiran kana duubatti dhiibuu kan danda'an yoo ta’u, dhumarratti bishaan itti biifuun namoota walitti qabaman bittimsuu danda'aniiru.

Mormiin kun kan mudate Netaaniyaahuun kaabinee waraanaa isaanii erga diiganii sa’aatii muraasa booda yoo ta’u, erga Jeeneeraalonni duraanii fi gidduu galeessaa taan Beenii Gaantz fi Gadi Eisenkot, torban darbe kallattii waraanaa gaggeeffamu irratti muummicha ministeeraa waliin waliigaltee dhabuu isaaniitiin, aangoo gadhiisanii booda.

Waayit Haawus Kibxata kaleessaa akka jedhetti, tarkaanfiin diiguu mootummaa Israa’eeliin fudhatame kun, kan “keessoo” fi “ dhimmi biyya keessaa”waan ta’eef jecha, Ameerikaan Netaaniyaahuu waliin walitti dhufeenya qabaachuu itti fufti.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG