Xurree ittiin seenan

Breaking News

Sirna Hajjii Saa'ud Arabiyaa Irratti Ho'i Hamaa Irraan Kan Ka'e Namoonni 550 Du'aniiru Jedhame


Sirna Hajjii Saa'ud Arabiyaa Irratti Ho'i Hamaa Irraan Kan Ka'e Namoonni 550 Du'aniiru Jedhame
Sirna Hajjii Saa'ud Arabiyaa Irratti Ho'i Hamaa Irraan Kan Ka'e Namoonni 550 Du'aniiru Jedhame

Kabajni Sirna Hajjii waggaa gara Makkaatti taasisan torbaaniif ture Roobii kana Saa’udii Arabiyaa keessatti xumuramu hangi ho’aa dabaluu isaarraan namoonni dhibbootaan lakkaa’aman du’uu ministirri hajaa alaa biyyattii fi miidiyaaleen gabaasaniiru. Maddii Oduu Ajaansi Firaansi Pireesii odeeffannoon dippiloomatoota irraa kibxata kaleessaa argadheen jedhee yoo xiqqaate namoonni 550 du’uu ibsee baay’inaan lammiilee biyya Masirii akka ta’anii fi dhukkuboota laphee waliin wal qabataniin kan du’anidhas jedheera. Maddi Oduu Riyooteersi lakkoofsa namoota du’an jedhaman kanaa qulqulleeffachuu hin dandeenye jedheera.

Waggoota 30 daebaniif waqtii Hajiiitti balaa ibiddaa bufaatalee dunkaanaa keessatti umamuu fi balaawwan biroon namoonni dhibbootaan lakkaa’aman du’uun isaanii ni yaadatama.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG