Shaampiyoonaa Atileetiksii Afrikaa 23ffaa Kaameeruun magaalaa Dowaalaatti gaggeeffameen Itoophiyaan dhuma torbee darbee dorgommii meetira kuma 10 dhiirotaa irratti milkaa’ina guddaa galmeessiteetti. Nibret Gelawu meedaaliyaa warqee kan fudhate yoo ta'u, Gemchu Dida ammoo meedaaliyaa meetii argate.
Marsaa garee EURO 2024 irratti taphoota marsaa sadaffaa xumuramaa jiru, biyyoonni beekamoo hedduun sadarkaa itti aanutti darbaa jiru. Kanuma waliin dorgommiin COPA Ameerikaa Yunaayitid Isteetis keessatti kan gaggeeffame yoo ta’u, biyya keessummeessituu fi Arjentiinaa dabalatee tapha jalqabaa irratti injifannoo goonfataniru. Eebbissaa Naggassaa Siwiidin, Istookoolm irraa dabalata qaba.
Forum