Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hundeessaan Wiikliiks Juuliyaan Asaanj Mana murtii Yuunaayitid Isteetisitti dhiyyaachuuf Buufata xiyyaaraa Baankook Qubate


Hundeessaan Wiikliiks Juuliyaan Asaanj Mana murtii Yuunaayitid Isteetisitti dhiyyaachuuf Buufata xiyyaaraa Baankook Qubate
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:11 0:00

Hundeessaan Wiikliiks Juuliyaan Asaanj ragaawwan icitiin qabamanii jiran gadi baasee maxxansuun himatamee akkasumas waggootaaf biyyaa isaarraa baqaan ba’ee kan ture Kibxata har’aa Xiyyaarri chaarteerii isa feeteetu buufata xiyyaaraa Baankook irraa gara mana murtii Yuunaayitid Isteetisitti geejbsiisaa jiraachuu haati warraa isaa Isteellaa Asaanji Assooshiyeetid Pireesiif mirkaneessiteetti. Asaanj Roobii booruu mana murtii Yuunaayitid Isteetisi odola Kaaba Maariyanaa kan qabeenya waloo Yuunaayitid Isteetisitti kan dhiyyaatu yommuu ta’u Ministirri haqaa Yuunaayitid Isteetisi xalayaa mana murtiif barreesseen Asaanjeen basaasaa seeran alaa fi odeeffannoowwan icitiin qabaman gadi baasee maxxansuu isaatiif yakkamaa ta’uu isaa ni amana jedheen eega jedheera.

Dhaddachi Asaanj itti dhiyaatu Saayippaanittidha. Sababiin isaas Asaanj gara Yuunaayitid Isteetisitti imaluuf fedhii hin qabnee fi Awustiraaliyaatti dhiyoo waan ta’eefidha jechuun abbaan alangaa himeera. Erga mana murtii kanatti dhiyyaateen boodas Asaanjeen gara biyya isaa Awustiraaliyaatti ni deebi’a jedhamee eeggama.

Haati warraa Juuliyaan Asaanj kan inni bara 2022 mana hidhaa taa’ee fuudheeru ogeettiin seeraa Isteellaa jedhamtu Awustiraaliyaarraa BBC tti akka himtetti walii galteen taasifamee erga imalichi jalqabee amma sa’aatiiwwan 72 darbuu himtee gammachuu itti qabaachuu ishees ibsitee erga abbaan murtii takka mallatteesseen booda bal’inaan ibsa irratti ni kennama jetteetti. Erga takka abbaan murtii mallatteessn boodas nama bilisaa ta’a jettee gara mana murtii kanaatti isa imalchiisuuf baasiin doolaara Kuma 500 akka taasifame ibsiteetti.

Gulaalaa ol aanaan Wiikliiks Kiriistiin Hiraafson walii galteen Asaanjeen mana murtiitti dhiyyeessuu kan taasifame gidduu seentummaa ministira muummee Awustiraaliyaa Antoonii Abaniiz’n akka ta’e himeera.

Asaanjee imalchiisuun kan jalqabe Wiixata kaleessaa waggoota Shaniif mana hidhaa Biriiteen keessa ture keessaa yommuu ta’u Jilli Awustiraaliyaarraa isa waliin gara mana murtii kanatti imalaa jiran akka jiranis Ministirri muummee Awustiraaliyaa Paarlaamaa biyyattiif ibsanii gara biyya isaatti akka deebi’us ni barbaadna jedhaniiru.

Juuliyaan Asaanjee hundeessaan Wiikliiks bara 2012tti Imbaasii Ikkuwaadoor kan Landanitti argamutti kooluu kalgaltummaa siyaasaa gaafatee fudhatama argate Iswiidinitti gochaa humnaan gudeeddiin himannaan erga irratti banameen booda Imbaasiin Ikuwaadoor koolugaltummaa kenneef irraa mulquu isaa hordofee poolisiin Biriiteen bara 2019 tti kan to’annaa jala isa oolche.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG