Xurree ittiin seenan

Breaking News

Balalii Diroonii Ameerikaan Galaana Gurraacha Irratti Gaggeessitu Kallattiin Walitti Bu’uu Akka Fiduu Danda’u Raashiyaan Dubbatte


FAAYILII - Rookeettii Ameerikaa
FAAYILII - Rookeettii Ameerikaa

Raashiyaan Jimaata har’a Ameerikaan balaliin diroonii sakatta’iinsaa galaana Gurraacha irratti goote balaa “wal dura dhaabbannaa kallattiin” Moskoo fi Neetoo(NATO) gidduutti uumamuu akka dabalu akeekkachiifteetti. kunis erga Kremlin haleellaa misaa’ela lubbuu namaa galaafatu Kiriimiyaa irratti raawwatte jechuun Waashingitan komate guyyoota muraasa booda.

Muddamsii Moskoo fi Waashingitan gidduutti uumame ol ka’uun kun, erga Yukireen Wiixata darbe misaa’ela Ameerikaatiin suluula Kiriimiyaa Raashiyaan qabamte haleeluun daa’imman lama dabalatee namoota afur ajjeestee jechuun Raashaan himatee booda.

Jimaata har’a, ministeerri ittisaa Raashiyaa akka jedhanti, ''balalii tarsiimoo kan xiyyaara nama maleeyyii Ameerikaa bishaan Galaana Gurraacha'' kan Kiriimiyaa marsee jiru irratti baay'achuu isaa argeera jedhan.

Dirooniin kunneen ''sakatta'iinsa gaggeessaa'' fi meeshaalee waraanaa Yukireen kanneen biyyoota dhihaatiin dhiyeaatu maadheelee Raashiyaa rukutuuf karoorfataniif odeeffannoo kennaa akka jiran ibseera.

"Kun Ameerikaa fi biyyoonni miseensa Neetoo(NATO0 ta’an waldhabdee Yukireen gama sirna Kiiviin uumame keessatti, hirmaannaa isaanii dabalaa dhufuu agarsiisa."

Yunaaytid Isteetis yeroo hunda balalii diroonii Galaana Gurraacha irratti akka gaggeessitu, hojiin kunis naannoo samii hundaaf banaa ta’ee fi akkaataa seera idil-addunyaatiin gaggeeffama jette.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG