Xurree ittiin seenan

Breaking News

Geggeessitoonnii fi Hordoftoonni Amantaa Waaqaeffannaa Harargee Bahaa, Magaalaa Baabbilleetti Hidhamuun Himame


Geggeessitoonnii fi Hordoftoonni Amantaa Waaqaeffannaa Harargee Bahaa, Magaalaa Baabbilleetti Hidhamuun Himame
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:11 0:00

Gaggeesitoonni fi miseensonni Amantaa Waaqeffannaa Godinaa Harargee Bahaa magaalaa Baabbiletti hidhaman, jechuun dhaabbatni hordoftoota amantii waaqeffannaa ibsee jira. Obbo Lammaa Bayii Guutamaa gaggeessaan kutaa odeeffannoo fi qunnamtii dhaabbatichaa, gaggeessitoonni fi miseensonni Amantaa Waaqeffannaa magaalaa Baabbilee walgahii mana maree kurmaana lammataarra turan namootni 82 poolisii magaalaa Baabbileen to’atamuu Sagalee Ameeriakatti himan.

Obbo Lammaan namootni kun hanga ammaa mana murteef akka hin dhiyaanne, darbees baha Oromiyaatti hordoftoonni amantichaa irraa dhiibbaan akka gahaa jiru dabalanii dubbatan. Obbo Ahimednajaash Abdurrahimaan Kantiibaan Baabbilee, namootni kunneen sababa amantaaf utuu hin taane, walgahii qaamni seeraa hin beekne gaggeessuu isaaniitiin to’annaa jala ooluu fi mana murtiif dhiyaachuu dubbatu. Galmoo Daawit dabalata isaa qopheesseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG