Xurree ittiin seenan

Breaking News

Turkiin Dhimma Marii Araaraa Itiyoophiyaa fi Somaaliyaa Gidduutti Deemu Keessa Seenuu Eegaluun Himame 


FAAYILII - Hojjattoota nageenya Somalilaand konteenaroota doonii Buufata doonii Barbaraa keessaatti kuufamaa jiran fuuldura dhaabbatanii, Hagayya 31, 2021
FAAYILII - Hojjattoota nageenya Somalilaand konteenaroota doonii Buufata doonii Barbaraa keessaatti kuufamaa jiran fuuldura dhaabbatanii, Hagayya 31, 2021

TurkiIN marii Somaaliyaa fi Ityoophiyaa jidduutti taasifamu gidduu seenummaa kan eegalte yoo tahu fi walii galtee buufata doonii Finfinneen Somaliland waliin jalqaba bara kanaa waliin mallatteessan irratti akka ta’e qondaaltonni dhimmicha keessa beekan afur himaniru.

Mariin kun hariiroo dippilomaasii biyyoota ollaa kan Afrikaa bahaa gidduu jiru sirreessuuf yaaliin godhame isa dhiyeenya kanaa yoo ta’u baatii Amajjii darbee keessa Itiyoophiyaan walabummaa somaaliilandiif beekamtii kennuuf jecha qarqara galaanaa kiiloo meetira 20 Somaalilaandii irraa kireeffachuuf yeroo walii galte hariiroon isaanii hammaate.

Moqaadishoo waliigaltee kana seeraan ala jechuun haaloo ba’uun ambaasaaddara Itoophiyaa ari’uun loltoota Itoophiyaa kuma heedduutti lakkaa’aman biyyattii keessa finciltoota Islaamummaa loluun gargaaran akka ari’an doorsisaniiru.

Dubbi himaan mootummaa Somaaliyaa ministeera haajaa alaa Turkii fi ministeera haajaa alaa mootummaa fi tajaajila tikaa kan Itiyoophiyaa hunduu gaaffii yaada akka kennan dhiyaateef hatattamaan deebii hin laanne.

Dubbi himaan Somaalilaand kan bara 1991 walabummaa ofii labsitee as, of bulchuu fi wal bira qabamee ilaalamu nagaa fi tasgabbii argachaa jirtu beekamtii idil-addunyaa argachuuf rakkachaa turte, marii kana keessatti hirmaannaa akka hin qabne dubbataniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG