Xurree ittiin seenan

Breaking News

West Baank, Magaalaa Jeniin Keessatti Haleellaa Waraanni Isiraa'el Geggeesseen Falasxiinonni Shan Ajjeesamuun Himame


Namoonni abidda haeellaa waraanaa Israa’el Falasxiin, magaalaa Weest Baankii Jeniin keessatti raawwateen booda bakka barbadaa’e keessa oggaa hojjatan, Adoolessa 5, 2024.
Namoonni abidda haeellaa waraanaa Israa’el Falasxiin, magaalaa Weest Baankii Jeniin keessatti raawwateen booda bakka barbadaa’e keessa oggaa hojjatan, Adoolessa 5, 2024.

Waraannii Iaraa’el Jimaata har’a akka jedhutti sochii shoororkeessummaa jiru irratti tarkaanfii haleellaa samii irraa dabalatee naannoo magaalaa Janiniitti fudhatee jra. Angawoonni Faaliisxiin akka jedhanti namonin shan ajjeefamaiiru

Looltonni Israa’eel gamoo shoroorkeessonni keessa daahatan marsanii dhukaasa kan banana yoo ta’u. haleellaan samii irraa gaggeeffame immoo, shoroorkeessoota hidhatan hedduu naannoo sanatti haleeluu isaa waraanni Israa’eel ibsee jira.

Ministriin Fayyaa kan Israa’eel gama isaan namoonni shan ajjeefamuu ibsuu bira dabree waa’ee eenyummaa isaanii odeeffannoo hin laanne.Gam lachuu irraa dhimma kana irratti gad fageenyaan waan ibsamee hin jiru.

Jeniin bakka maadhee jabaa hidhattootaa ta’uun beekamtu fi waraanni yeroo hedduu keessatti socho’uu kanatti walitti bu’iinsii uumamuun kun, mootummaan maneen haaraa 5300 ijaaruuf bakka quubsuma Weest Baank qabamee jiruutti ijaaruuf karoorfatee jira jechuun, gareen ijaarsa qubsumaa Israa’eel mormuu dubbatee guyyaa tokko booda.

Faalisxiinoonni immo lafa wal waraansa giddu galeessa bahaa kan bara 1967 gaggeeffameen Isra’eel qabatte Jerusaaleem Baha fi naannoo Gaazaa kan barbaadan yoo ta’u, biyya walaba akka taatuu fedhu.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG