Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaantiin Faransaay Imaanu'eel Maakroon Gaaffii Muummichi-Ministaraa Biyyattii Taayitaa Gad-Lakkisuuf Dhiheessan Fudhachuu Didan


Bu'aa filannoo seera baastootaa ariifachiisaa bara 2024 marsaa lammaffaa irratti deebii kenname, Adoolessa 7, 2024.
Bu'aa filannoo seera baastootaa ariifachiisaa bara 2024 marsaa lammaffaa irratti deebii kenname, Adoolessa 7, 2024.

Faransaayitti ba’iin Filannoo biyyattii jeequmsa keessa galcha erga jedhameen booda Ministarri muummee biyyattii fedhiin aangoo gadi lakkisuu kan gaafatan Pireezidaanti Imaanuu’eel Maakirooniin yeroof akka aangoorra turan jechuun gaaffii isaanii kufaa taasisaniiru.

Filannoo seera tumtootaa dilbata kaleessaa Faraansaayitti taasifamee bu’aan isaa wiixta har’aa beekameen filattoonni seera tumtoota bakka sadiitti qooddachuun kaan isaanii warra bitaa “ Leftis” jedhamuun waamaman , kaan isaanimmoo warra gidduu galeessaa fi kaan isaaniimoo warra leellistoota mirgaa Far Rights jedhamuun waamaman filachuun qaamni tokkoyyuu sagalee mootummaa isa hundeessisuu danda’u osoo hin argatiin akka hafu taasiseera. Bu’aan filannoo wiixata kana beekame kunis biyya gamtaa Awurooppaa keessatti diinagdeen sadarkaa lammaffarratti argamtu rakkoo keessa galcha jedhameera.

Pireezidaantiin biyyattii Imaanu’eel Maakiroon yeroo gabaabaa keessatti akka taasifamu waamuun isaa akka qulqulleesituutti fudhachuuf qumaara siyaasaa taphachuuf karoorfatus bu’aan isa garuu waan hin eegamne ta’uun ,biyya Oloompikii Addunyaa torbaan sadii dhufu keessatti keessummeessuuf jirtu fi yeroo iji idil addunyaa isheerra buufatee jirutti jeequmsaaf saaxila jedhameera.

Ministirri muummee biyyattii Gabiri’eel Attal ji’oota Torba dura Pireezidaanti Imaanu’eel Maakirooniin kan muudamaniran Waamicha Pireezidaantichi filannoof taasisan mormuun fedhii isaaniin aangoo gadi lakkisu Wiixata har’aa ganama kan galfatan, Maakiroon waliin wal ga’ii daqiiqaa 90 erga taasisaniin booda qaawwaa naageenyaa akka biyyatti uumamuuf jiru hambisuuf jecha aangoo isaaniirra akka turan walii galaniiru. Muummichi ministiraa Gabiri’eel Attal garuu dilbata kaleessaa gochaa Pireezidaantichaa filannoo waliin wal qabatee deemaa jiru ifatti akka morman ibsaniiru.

Miseensonni mana maree bakka bu’oota Uummataa haaraa filatamanii fi kanneen irra deebbiin filataman mana maree biyyaaleessaatti walitti qabamuun marii taasisiisu jedhamee eegama. Mana maree seera tumtootaa Faraansaay isa teessoo 577 qabu irra jireessaan to’achuuf teessoo 289 argachuun kan irraa eegamu toora teessoo sadanirrayyuu kan taa’an tokkoon isaaniiyyuu osoo hin argatiin hafaniiru

bu’aa filannoo wiixata har’aa ifoomsameen. Akka bu’aa filannoo kanaattis gareen gamtaa leellistootaa warra Leftist jedhamuun waamamanii teessoo 180 yommuu argatu, kan Pireezidaanti Imaanu’eel Maakiroon keessaa filataman Centerist Alliance Immoo teessoo 160 aragteera, akkasumas warri Faar right jedhamanimmoo teessoo 140 argataniiru.

Imaanu’eel Maakiroon Pireezidaantiin Faraasaay yeroon aangoo isaanii waggaa sadii kan hafeeru yommuu ta’u Gareen warra leellistootaa Leftist jedhamanii mootummaan haaraan mana maree lamaanuu keessatti hatattamaan akka hundeeffamu gaafachaa jiru.

Maakiroon Torbaan kana keessa yaa’ii “NATO” Waashingitanitti taasifamuuf garasitti ni imalu.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG