Mootummaan Naannoo Oromiyaa barattoota Yuuniversitii Debaarqirraa deebiyaa turanii naannoo Gabra Gurraachaatti butaman jedhaman irra caalaa bilisa baasuu ibsee jira. Obbo Hayiluu Addunyaa ibsa kaleessa galgala VOA’f kennaniin, barattoota 167 hidhattoota ‘shanee’ jechuun ibsaniin butaman keessaa 160 kan ta’an humnootni nageenyaatiin bilisa baafaman, jedhanii warra hafanii gad lakkisiisuuf hojiin akka itti fufee jirutti ibsan. Barattoonni butamuu kanarraa hafan garuu, ammas lakkoofsi warra butamee jiruu hedduudha jedhan. Kan dhimma kana irratti akka deebii gama isaanii kennan gaafataman, dubbi-himaan idiladdunyaa Waraana Bilisummaa Oromoo, Obbo Odaa Tarbii, loltoonni WBO gochaa kana keessaa akka harka hin qabnee fi mootummaan dantaa siyaasaaf jecha akka quba isaa gara isaaniitti qabutti ibsan.
Forum