Xurree ittiin seenan

Breaking News

Chaayinaan Qarqara Galaanaa Kibba Biyyattiirratti Raashiyaa Waliin Shaakala Waraanaa Geggeessuu Ishee Ibsite


Viidiyoo Tajaajilli Pireesii Ministeera Ittisaa Raashiyaa Kamisa Mudde 22, 2022 gadhiise irraa fudhatame Doonii Chaayinaa Galaana Chaayinaa Bahaa irratti Raashiyaa waliin shaakala galaanaa waloo irratti. (Tajaajila Pireesii Ministeera Ittisaa Raashiyaa karaa AP)
Viidiyoo Tajaajilli Pireesii Ministeera Ittisaa Raashiyaa Kamisa Mudde 22, 2022 gadhiise irraa fudhatame Doonii Chaayinaa Galaana Chaayinaa Bahaa irratti Raashiyaa waliin shaakala galaanaa waloo irratti. (Tajaajila Pireesii Ministeera Ittisaa Raashiyaa karaa AP)

Kunis erga gamtaan ittisa biyyoota dhihaa kan Yunaaytid Isteetsiin durfamu Neetoon (NATO) Waashingitan keessatti walga’ee fi hariiroo cimaa Beejiing Moskoo waliin qabdu irraa balaa guddachaa dhufuu Jaappaan, eega akeekkachiisee booda.

Ministeerri ittisa Chaayinaa akka jedhetti waraanni lamaan shaakala Galaana Waliinii-2024 jedhamu kana ''jalqaba ji'a Adooleessa kana'' keessa jalqaban hanga walakkeessa baatii kanaatti kan turu ta'a.

Shaakala bishaanii fi naannoo qilleensaa naannoo magaalaa kibba bulchiinsa Jaan zee yang keessatti gaggeeffame kun ''balaa nageenya galaanaa, waliin ta'uun furuu akkasumas nagaa fi tasgabbii addunyaa kan naannoo eeguu keessatti kutannoo fi dandeettii gama lameenii agarsiisuuf'' jedha ministeerichi.

Itti dabaluudhaanis shaakala kanaan ''walta'iinsa tarsiimoo qindoomina bal'aa qabu Chaayinaa fi Raashiyaa haaraan daran gadi fagoo taasiisa'' jedheera.

Kunis akkaataa karoora waggaa Beejiingii fi Moskoo waraana irratti bobbaateen raawwatamaa akka ture ministeerichi ni mul’isa.

Beeksisni kun kan ba’e torbanuma hoggantoonni Neetoo weerara Raashiyaa gaggeesituun Yukireeniif deeggarsa isaanii irra deebi’anii mirkaneessuuf Waashingitanitti walga’anii turanii ti.

Jaappaan Jimaata akka jettett sochiin waloo Chaayinaa fi Raashiyaa naannoo daangaa ishee irratti gaggeessan nageenya biyya isheeirratti yaaddoo guddaa qaba'' jetteetti.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG