Xurree ittiin seenan

Breaking News

Doonaald Tiraampi Duula na Filadhaa Peenisilveniyaatti Taasisaa Turerratti Rasaasa Itti Dhakaafameen Waltajjiirraa Bu’eera


Kaadhimamaa pirezidaantii Rippabilikaan fi Pirezidaantii duraanii Doonaald Tiraampi sagantaa duula filannoo irratti waltajjii irraa qarqaaramanii oggaa bu'an, Baatler, Peensiylveniyaa, Adoolessa 13, 2024.
Kaadhimamaa pirezidaantii Rippabilikaan fi Pirezidaantii duraanii Doonaald Tiraampi sagantaa duula filannoo irratti waltajjii irraa qarqaaramanii oggaa bu'an, Baatler, Peensiylveniyaa, Adoolessa 13, 2024.
Humnoota naga eegumsaa bakka duula nafiladhaa Pireezdaanti duraanii Doonaldi Traampi itti geggeessaa turetti, Peensilveeniyaa, Adoolessa 13, 2024.
Humnoota naga eegumsaa bakka duula nafiladhaa Pireezdaanti duraanii Doonaldi Traampi itti geggeessaa turetti, Peensilveeniyaa, Adoolessa 13, 2024.

Pireezidaantiin duraanii Doonaald Tiraampi duula na filadhaa kutaa Peenisilveeniyaa Baatileer keessaatti waltajjiirraa haasaa wayita dhageessiisaa jiranitti sagaleen wacaa fi rasaasaa kan dhaga’ame yommuu ta’u , Tiraampi harka isaa mirgaa gara mormasaatti yoommuu geessuu fi qabatu mul’ateera. Erga eegdoonnii isaa lafaa ol isaa kaasnii boodas fuula isaarraa dhiigatu mul’ata. Qaamooleen eegumsaa fi eegdonni isaa ariitiin yommuu waltajjiirraa isa buusanis mul’ateera.

Hoogganaan duula filannaa Doonaaldi Tiraampi ibsa baaseen immoo Pireezidaantiin duraa Doonaald Tiraampi halleellaa kanarraa akka hafeeruu fi yeroo sanatti gara giddu gala fayyaa naannoo jirutti geeffamuun yaala akka argates ibseera.

Dubbii himaan duula filannaa Doonaald Tiraampi’s ibsa kenneen Doonaald Tiraampi qaamoleen seera kabachiisan gochaa fokkataa akkasiif ariiitiin deebii kennuu isaanii fi dursanii bakka sanatti argamuu isaanii galateeffataniiru. Tajaajilli nageenya biyya keessaas ibsa baaseen Pireezidaantiin duraanii Doonaald Tiraampi haala nagaa irratti argama jedheera.

Battala sagaleen dhukaasaa irra deeddebbiin dhaga’amee fi Doonaald Tiraampi harka isaa Mirgaan gara gurra isaa erga qabateen booda ariitiin waltajjii irraa dubbataa jirutti gadi jedhe. Eegdoonni isaas ariitiin yommuu isa golgan ni mul’ata ture. Namoonni kumaataamaan lakkaa’aman dudduubaan iyya sagalee guddaa kan dhageessisan yommuu ta’u dhukaasnis yeroo muraasaaf itti fufee dhaga’ama ture.

Doonaald Tiraampi deebi’ee ka’uudhaan eegdoota isaa gidduun harka isaa mallattoo Injifannoo agarsiisu yommuu ol qabu iyyi guddaan namoota achitti argamanirraa dhaga’aamaa ture.

Erga taateen kun ta’een booda Ilmi Doonaald Tiraampi inni hangafaa suuraa Abbaa Isaa erga rasaasaan rukkutamee harka isaa injifannoo agarsiisu ol qabee fi alaabaa Ameerikaan wal bira qabuun “ Ameerikaa oolchuuf qabsoosaa hin dhaabu” jedheera.

Pireezidaanti Joo Baayideen taatee ta’e kana akka dhaga’aniiran Waayit Haawuus ibseera.

Pireezidaanti Joo Baayideen Ibsa dabalataa Tajaajila Basaasaa irraa , gargaartoota Olaanoo fi hoogganaa ol aanaa nageenya biyya keessaa irraa argataa jirus jedhameera. Waajjirri itti aantuu Pireezidaantiis taatee ta’e irratti ibsa argachaa akka jiru himeera.

Pirezdaantii Yunaaytid Isteets, Joo Baayden
Pirezdaantii Yunaaytid Isteets, Joo Baayden

Kaawuntii Batileeritti Abbaan alangaa Riichaard Gooldinger Assooshiyeetid Pireesiif akka himetti namni rasaasa Doonaald Tiraampitti dhukaaseera jedhamee shakkamuu fi namoota duula na filadhaa Tiraampi deeggaruuf dhufaniiran keessa tokko du’uu ibsaniiru.

Taateen kun erga ta’een booda miseensoonnii fi hooggantoonni paartii warra Rippaabulikaanii ariitiin yaada irratti kennaa jiru.

Ibsa Bulchaa Penselveeniyaa

Bulchaan Kutaa Penselveeniyaa Joosh Shaapiroo partii warra Dimokiraatii kan ta’e dhimmicha dhaga’uu ibsee Poolisiin bakka sanatti akka argamuuf , ibsi akka irratti kennamu ibsee, “ Jeequmsi dhaaba siyaasaa ykn hoogganaa siyaasaa kamiyyuu irratti xiyyeeffate gonkumaa fudhatama hin qabu. Pensilvaaniyaa keessatti ta’e Ameerikaa keessatti bakka hin qabu jedheera.

Forum

XS
SM
MD
LG