Xurree ittiin seenan

Breaking News

Magaalaa Moqdishoo Keessatti Dilbata Kaleessaa Boombii Konkolaataarratti Hidhamee Dhoheen Namoota 9 Tu Du’e


Lammiileen Somaaliyaa bakka dhohinsi itti mudate, mana nyaataa fayyadamtoonni dorgommii kubbaa miilaa Yuuroo 2024 xumuraa TVn laalaa turanii bira oggaa darban, Moqaadishoo, Somaaliyaa
Lammiileen Somaaliyaa bakka dhohinsi itti mudate, mana nyaataa fayyadamtoonni dorgommii kubbaa miilaa Yuuroo 2024 xumuraa TVn laalaa turanii bira oggaa darban, Moqaadishoo, Somaaliyaa

Somaaliyaa magaalaa Moqdishoo keessatti dilbata kaleessaa boombii konkolaataarratti hidhamee dhoheen namoonni Sagal du’aniiru. Magaalaa guddittii Somaaliyaa Moqaadishoo keessatti guyyaa dilbata kaleessaa boombii konkolaataarratti hidhameeru dhohuun namoota 20 madeessuun Sagalimmoo ajjeesseera. Akka dubbii himaan poolisii Somaaliyaa ibsetti dhohinsichi kan mudate konkolaataa balbala Kaaffee tokkoorra dhaabbateeru irraa akka ta’ee fi kaaffee sana keessaattis namoonni hedduun tapha waancaa kubbaa millaa Awurooppaa 2024 Ispeenii fi Ingilaandi gidduutti taphatamaa jiru osoo daawwachaa jiraniiti jedheera.

Warra ajjeefaman keessaa Namoonni Shan kanneen daandiicharra imalaa turan yommuu ta’u namoonni Afur immoo Kaaffee taphni kubbaa miilaa waancaa Awurooppaa keessatti daawwatamaa ture keessatti ta’uu qondaala nageenyaa biyyaalessaa Somaaliyaa kan Moohaammad Yusuuf ibsaniiru.

Dhohinsa boombii dhaqqabe kanaaf hanga ammaatti qamani itti gaafatamummaa fudhate hin jiru. Ejeensiin oduu Somaalii inni mootummaan hoogganamu dilbata kaleessaa akka gabaaseetti haleellichi Al- qaayidaa isa jihaadistii Alshabaab waliin hidhata qabuun fudhatameera jedhe. Waggoota 17 oliif Alshaabaab mootummaa federaalaa Somaaliyaa dadhabaa ta’e irratti finciluun dhiiga dhangalaasaa kan ture Moqaadishoo dabalatee kutaa biyyattii bakkoota hedduu keessatti halleellaa boombii raawwateera.

Akka namoonni ijaan argine jedhan Ajaansi Firaansi Pireesitti himanitti Sanbata xiqqaa dabarsine kanas humnoonni Jihaadistii Alshabaab mana hidhaa magaalaa Moqaadishoo keessatti argamu cabsanii seenuuf waarana bananiin msieensonni isaa Shan ajjeefamuu fi eegdoota mana hidhaa sana keessaas Sadii ajjeefamuun kanneen 18 ta’animmoo madaa’aniiru. Pireezidaantiin Somaaliyaa Hasan Sheeyik Mahaammud loltoota mootumaa, milishoota naannoo waliin qindaa’uun fi deeggarsa Gamtaa Afiriikaa akkasumas haleellaa qilleensarraan Yuunaayitid Isteetisi deeggartuun Jihaadistoota irratti waraana hunda galeessa akka taasisan waadaa galuun dhaadataniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG