Xurree ittiin seenan

Breaking News

Filannoo Ruwaandaa Keessatti Geggeessame Ammas Prezidaantiin Biyyattii Pool Kaagaamee Injifatan


Prezidaantii ruwaandaa Pool KagaameeKIgaalii, Adoolessa 15, 2024.
Prezidaantii ruwaandaa Pool KagaameeKIgaalii, Adoolessa 15, 2024.

Filannoo prezidaantummaa Ruwaandaa keessatti taasifameen Prezidaant Pool Kagaamee sagalee dhibeentaa 99 ol argachuudhaan marsaa Afuraffaa dhaaf moo’achuun isaanii gabaasameera.

Sirnii sagalee kennu Wixata kaleessa taasifamee erga ifatti raawwatee sa’atii Torba booda bu’iin filannoo guutuu hin taanee akka agarsiiseetti Pool Kaagamee sagalee kenname keessa dhibeentaa 99.15 argachuu isaanii komishiiniin filannoo biyyatti beeksisee jira.

Akka ibsii komishinii filannoo biyyati agrsiisetti, sagale dhibeentaa 0.53 argachuudhaan kan Kaagameetti ananii lammafaa ta’a kaadhimamaa partii Demokraatawaa magariisaa jedhamuu Fraank Habinezaa yemuu ta’an, nammii dhuunfaadhaan dorgoman Filiip Mpaayimanaa sagalee dhibeentaa 0.32 argataniiru. Bu’iin kun kan beekamee eergaa lakoofsii sagalee dhibeentaa 79 xumuramee booda ta’uun isaas ibsameera.

Kadhimamatooni Kaagameedhaan morman Lama himannan Kanaan duraa mana murtiit irraati dhihaatee waan xumura hin areganeef akka isaan filannoof hin dorgomnee abban murtii biyyatti dhorkee jira. Mormituun fi qqeqxuun Kaagamee biraa Diyaan Rwiigaaraa immoo sababa hokkora kakasuutiin akka hin dorgomnii komishiiniin filannoo biyyatti yeroo lammafaadhaaf ugurii irra kaa’un isaa ibsameera.

Ergaa bu’in flannoo kun ibsamee boodaa kan dubbatan prezidaant Pool Kaagamee, “lakoofssichii amantaa naaf keennamme kan agarsiisuudhaa, innimoo waan caaluudhaa jedhanii , rakkoowwan keenyaa hafan aaka waliin hiiknu abdiin qabaa” jedhaniiru.

Yeroo amma nammi wagga 66 Pool Kaagameen filannoo bara 2003, 2010 fi 2017 taasifameen dhibeentaa 93 ol galmeesuudhaan kan moo’atan yemmuu ta’u, bu’in filannoo amma kana boodee waggoottan Shaniif Peresidaantii biyyatti ta’anii akka itti fufan kan isaan taasisuudhaa. Bu’iin filaniichaa guutuun Adoolesaa 22 ifatti beeksifamaa jedhameera.

Walwaraansaa gosa irratti hundaa’een guyyaa 100 keessatti laammiiwwan ishee kuma 800 ol kan jalaa du’an Ruwaandaan, bara 2012 amma 2022 giduutti guddina waliigalaa dhibeentaa 7.2 akka galmeesuu dandeesee gabaasamee jira. Akka gabasinni baakiin adduunyaa jedhutti lammileen Ruwaandaa walakaadhaa ol ta,a galiin isaan guyyaati argatan doolaara 2.15 ga

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG