Xurree ittiin seenan

Breaking News

Wallaga Bahaa, Aanaa Giddaa Ayyaanaa Keessatti Dhibeen Busaa Daran Hammaatee Namoota Hedduu Fixe, Jedhame


Wallaga Bahaa, Aanaa Giddaa Ayyaanaa Keessatti Dhibeen Busaa Daran Hammaatee Namoota Hedduu Fixe, Jedhame
please wait

No media source currently available

0:00 0:05:39 0:00

Naannoo Oromiyaa godinaalee adda addaatti werarri dhibee Busaa lubbuu namoota galaafataa jira jechuun jiraatoonni sagaalee Ameerikaaf bilbilan yaada isaanii kennan ibsaniiru. Keessumaayyu rakkoon naageenyaa ittisaa Weraara dhibee busaa irraatti danqaa ta’eera jechuun himaaniiru.

Godinaa Wallagaa Bahaatti dhibeen daraan hamaatera lubbuu namoota hedduu galafaatera jedhaan jiraatoonni. Ogessi Fayyaa Aanaa Giddaa Ayyaanaatti dhaabbata Fayyaa kan mootummaa keessa hojjechuu isaanii ibsan, namoota dhukkubsatanii gara dhaabbata Fayyaa deemaan keessaa dhibbeentaa 90 oli kan dhibee busaaf saaxilaman ta’u ibsaaniiru. Itti aanan hoggaana biiroo Fayyaa Oromiyaa Dr.Taasfayee Kabaabaw tatamsaa’inni dhibee Busaa kan torbanoota darbanii dachaan dabaalera, yeroo ammaas tatamsaa’ina kana to’achuuf biiroon Fayyaa Oromiyaa dhaabbilee degaartoota waliin hojjeecha jira jedhan.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG