Xurree ittiin seenan

Breaking News

Barattoonni Yunivarsitii Dabarq Torban Lama Dura Shawaa Kaabaa Keessatti Hidhattootaan Iggitaman Keessaa Garii Gad Hin Lakkisamne, Jedhame


Torbaan lama dura gaafa waxabajjii 25 bara 2016 Yuunivarsiitii Debaarqirraa gara Finfinneetti imalaa osoo jiranii Naannoo Oromiyaa Godina Shawaa Kaabaa magaalaa Garba guraachaatti dhiyoorratti qaamoolee hidhataniin ukkaamfanii warra fudhatamanii turan keessaa tokko ta’uu kan himuu fi jiraataa Naannoo Sidaamaa kan ta’e nageenya isaaf maqaan isaa akka himamu kan hin feene hidhattoota isaan ukkaamsanii fudhataniin maallaqa 500,000 maatiin gaafatame keessaa 300,000 maatiin karaa baankii kaffalee akka gadhiifame sagalee Ameerikaatti himeera. Hidhattoota “ shanee” tiin uukkamfamnee turre kan jedhe barataan kun turtii isaa keessattis dararrii hedduun irratti raawwatamuu fi ammaaf yaalarra akka jiruu fi hedduu dubbachuu akka hin barbaadnees himeera.

Achuma naannoo Sidaamaa irraa barattoota ukkamfamaniituran keessaa tokko ta’uu kan himu barataan biraan maqaa isaa himuu hin feene barattoonni 67 ammayyuu hin gadhiifamiin akka jiran sagalee Ameerikaatti himeera. Itti dabaluunis yeroo nuti Yunivarsiitii Debaarqirraa kaanu namni Odeeffannoo hidhattoota kanaaf kennaa ture Awuutobiisii nuti keessa turre keessa jira jedha.

Hoogganaan biiroo Komunikeeshinii naannoo Oromiyaa Obbo Haayiluu Addunyaa torbaan darbe gaafa Adoolessa 2 bara 2016 ibsa sagalee Ameerikaaf kennaniin hidhattoota isaan Shanee jedhaniin barattoonni 160 ukkamfamanii butamanii turan tarkaanfii humni nageenyaa fudhateen gadhiifamuu ibsanii ture. Barattoonni amma maallaq maatiin keenya kaffaleen gadhiifamne jechuun sagalee Ameerikaatti himanimmoo isaan gadhiisiisuuf tarkaanfiin humna mootummaan fudhatameeru akka hin argine sagalee Ameerikaatti himaniiru. Dhimma kanarratti ibsa dabalataa argachuuf bilbila harkaa Obbo Hayiluu Addunyaa hoogganaa biiroo Komuunikeeshinii Oromiyaatti bilbilluus hin kaasan.

Waraanni bilisummaa Oromoo gama isaan karaa dubbii himaa isaa idil Addunyaa Odaa Tarbii deebii sagalee Ameerikaaf kenneen humni waraanaa isaanii yakkoota akkasii akka hin raawwannee ibsaniiru Jechuun Baahirdaar Irraa Asteer Misgaanawuutu gabaase.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG