Xurree ittiin seenan

Breaking News

Qondaalaa fi Beegiitti Waraansa Humnoota Mootummaa fi Hidhattoota WBO Gidduutti Itti Fufeen Namoonni Nagaa Ajjeefaman, Jedhu Jiraattonni


Qondaalaa fi Beegiitti Waraansa Humnoota Mootummaa fi Hidhattoota WBO Gidduutti Itti Fufeen Namoonni Nagaa Ajjeefaman, Jedhu Jiraattonni
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:49 0:00

Naannoo Oromiyaa godina Wallagaa Lixaa aanaa Qondaalaa Fi Beeggitti wal waraansa humnoota nageenya mootummaa fi WBO gidduutti itti fufeen Wiixataa Fi Kibxata jechuun Adoolessa 8 fi 9 bara 2016tti namoonni nagaan 3 ajjeeffamuu jiraattonni Sagalee Ameerikaaf aanoota kana irraa bilbilaan himaniiru. Namoonni kunneen humnoota nageenya mootummaatin tarkaanfin irratti fudhatameen akka ajjeeffamanitti kan isaan dubbatan.

Dubbi-himaan Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Hayiluu Addunyaa garuu, humnoonni nageenya mootummaa namoota nagaa hin xiyyeeffatu, jechuun himannaa kana kan hin fudhanne ta’uu Sagalee Ameerikaaf ibsan. Garee hidhattootaaf namoota oddeeffannoo kennan, tajaajila loojistikii kanneen kennanii fi deeggaran to’annoo seeraa jala oolchuun akka itti gaafatamaa taasisan dubbatu – Obbo Hayileen.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG