Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itiyoophiyaa Keessatti Adabbiin Yakkichaa Xiqqaachuun Akka Butii fi Humnaan Gudeeddii Hammaatu Taasise, Jedhame


FAAYIILII - Mana Murtii olaanaa Itoophiyaa
FAAYIILII - Mana Murtii olaanaa Itoophiyaa

Itiyoophiyaa keessatti kanneen yakka Butii fi humnaan gudeedii dubartoota irratti rawwatan adabii wal gituu kennamaa hin jiru kan jedhu komiishinni mirga anamoomaa kan Itiyoophiyaa yakka wal fakkaatoo fi miidhaa geesisan baballachuuf sababii nama jajjabeessuu ta’aa jira jedha.

Paartiin Izeemaas gama isaan Butii fi Humnaan gudeeduun yakka irra deddeebiin gaggeeffamu ta’u ibsuun murtiin adabaa kennaman garu kan baruumsa kennanii fi kan wal gitan miti jedheera. Gama kaaniin bulchiinsa Itiyoophiyaa Kibbaa godiina Koree keessatti waggaa tokkotti dubartoonn 12 butamuu fi humnaan gudeedamuun kan ibsamee yoo ta’u manni mutii aanaa Gorkaa torban kana dhaddacha taa’een barattootaa fi shamarreen ol adeemtoota ta’an kana irrtti yakka butii fi humnaan gudeeddii geesiisan jedhamuun namoota hidhaman 12 keessaa himatamtoota 9 irratti hidhaa waggaa tokkoo hanga 19 akka adbaman murteessee jra.

Kanas raga baatoota dhaggeeffachuun akkasumas raga Haakiimaa biraa argamee irratti hundaa’uun kan murteesse ta’u ibsamee jira jechuun Yonaataan Zabdiwos Haawaasaa irraa gabaasee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG