Xurree ittiin seenan

Breaking News

Diroonii Fageenya Dheeraa Fuguggifamu Kan Har'a Tel Aviviin Rukkuteef Gareen Hidhattoota Hutii Yemen Keessaa Itti Gaafatama Fudhate


Bakka haleellan itti gahe yeroo qorattoonni sakata'an, Tel Aviiv, Adoolessa 19, 2024.
Bakka haleellan itti gahe yeroo qorattoonni sakata'an, Tel Aviiv, Adoolessa 19, 2024.

Dirooniin fageenya dheeraa deemuu kan Iraan keessatti hojjatamee magaalaa Telaaviv har’a kan rukutee yoo ta’u haleellaa kanaaf hidhattonni Huttii itti gaafatama fudhatanii jiru.Haleellaa diroonii Kanaan namnii tokko ajjeefamee kanneen biroon afur akka salphaatti madeessuu isaa waraannii Israa’elii fi tajaajilli balaa tasaa beeksiseera.

Balaan kun weerara qilleensaa irraa gaggeeffamuu akka jiru meeshaa akeekkachiisu ykn Alaarmii kan hin kakaasne yoo ta’u kunis kan uumame erga waraanni Israa’el ajajaa olaanaa milishaa Hizbullaah Iraan deeggaramuu Lebaanoon gama kibbaa keessatti ajjeesuu ishee eega mirkaneessee sa’aatii muraasa booda. Dubbi himaan olaanaa Riir Admiraal Danii’el Haagaarii akka jedhanitti Dirooniin kun kan Iraan hojjetamee fooyyefamee Moodeela Samad-3 jedhamuun beekamu ta’u waraanni beekee jira."Tilmaamni keenya Yaman irraa gara Telaaviivtti" erameedha jechuun oduu gabaastotaaf ibsan.

Akkasumas ''mallattoon dabalaa dhufe'' Mohaammad Dief kan hogganaan damee waraanaa Hamaas kan ta'e Haleellaa qilleensaa Israa'el torban darbe raawwatteen ajjeefamuu agarsiisa jedhan. Haleellaan Telaaviivirratti raawwatame kun daawwannaa mummichi Ministira isra’eel Beenjaamin Netaaniyaahuun torban dhufu waashingtan keessatti gaggeessan dursee tu.

Dubbi himaan hidhattoota Huutii kan Yaman yayyaa Saaree akka jedheetti isaanii fi kanneen akka Hizbullaah Iraan waliin hiriiran ta’uun gareen isaanii Telaaviiviin dirooniin haaleeluu isaanii fi Israa'el irratti xiyyeeffachuu waraana Gaazaa keessatti Falasxiinota waliin tumsa qabaachuu isaanii ibse. Haasaa televiziyoonaan dubbi himaan kun dhageesisaniin Telaaviiv qiyyaafata ishee jalqabaa kan fageenya meeshaa waraanaa keenyaa keessatti. Haleellaan kun diroonii haaraa yaafaa jedhamtu fayyadamuun kan raawwatame ta’uu himaniinii Caasaa ittisaa kan darbuu fi raadaariin kan hin argiinee ta’uu ibsan.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG