Xurree ittiin seenan

Breaking News

Rakkoon Tajajila Interneetii Mudate Har’a Dhaabbatoota Balalii Xayyaaraa Dabalee Guutummaa Addunyaa Irratti Danqama Uume


Imaltoonni buufata xiyyaaraa idil-addunyaa Don Mueang Baangkok keessatti galmaa'uuf hiriiran, Taayiland, Adoolessa 19, 2024.
Imaltoonni buufata xiyyaaraa idil-addunyaa Don Mueang Baangkok keessatti galmaa'uuf hiriiran, Taayiland, Adoolessa 19, 2024.

Waajiroonni balalii xayyaaraa, baankonni, chaanaalii Televiziyoonaa fi dhaabbatonni daldalaa biroo addunyaa guutuu irratti argaman Jimaata har’a rakkoo Teeknooloojii Intarneettii guddaa kan waggoota dhiyoo asitti mudate keessaa tokko ta’een danqamanii jiru.Kunis kan sagantaa farra vaayiraatti sii haaromfameen kan uumame fakkaata.

Waajiroonni balalii xayyaaraa gurguddoon kan Yunaaytid Isteetis jalqaba irratti rakkoo dhimma qunnamtiin balalii hundakan dhaaban yoo ta’u, boodarra kaampaaniin balalii Ameerikaan Eerlaayinsi jedhamu balalii isaa deebisee akka jalqabe ibse.

Buufatni xiyyaaraa addunyaa irra jiran caasaan imaltoota galmeessuu irratti hojii dhaabuu fi tajaajilli jiru harka namaan qofa kennamaa akka jiru ibsuun harkifannaa mudachuu mala jedhan.

Maayroosooft(Microsoft) marsariitii ofii irratti fooyyaeffama teeknikaa jedhee waan baaseen akka jedhetti rakkoon kun Kamisa kaleessaa kan jalqabe yoo ta’u fayyadamtoota waltajjii “Azure cloud platform” kan sooftiweeri nageenya saayibarii “CrowdStrike Falcon”iin hojjetu irratti dhiibbaa uumeera."Rakkoo kun waan adda baafameef sirreeffamni bobbaafameera," jedha.

Kufaatiin kun addunyaa irratti ta’uun isaa ogeeyyiin tokko tokko neetworkii jiran keessatti dandamachuu guddaa akka qabaatan gaafachuu fi tajaajila adda addaa akkasii kennuudhaaf dhiyeessaa tokko irratti qofa hirkataa ta’uu irratti gaaffii akka kaasan taasiseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG