Xurree ittiin seenan

Breaking News

Naannoo Tigiraayitti Namoonni Sababaa Waraansaan Buqqa’anii Turan Qe’ee Isaanii Allaamaaxaa fi Raayyaatti Deebifamuu Jalqaban


FAAYILII - Namoota yeroo waraanaa qehee irraa buqahanii Maqalee turan nyaata yeroo fudhatan, Caamsaa 9, 2021.
FAAYILII - Namoota yeroo waraanaa qehee irraa buqahanii Maqalee turan nyaata yeroo fudhatan, Caamsaa 9, 2021.

Waraana Kaaba Itiyooyaa keessa ture hordofee namoonni Allaamaaxaa fi naanoosaarraa buqqa’anii turan gara qe’ee isaaniitti deebifamuu jalqabuu Bulchiinsa Naannoo Tigiraatti, bulchiinsi kibba Tigiraay beeksiise. Bulchaan Godina kibba Tigiraay Obbo Haftuu Kiroos sagalee Amerikaatti akka himanitti waraanicha hordofe namoonni aanaalee Raayyaa Allamaaxaa fi Raayyaa Baalaa akkasumas magaalaa Allaamaxaa irraa buqqa’anii turan Adoolessa 10 bara 2016 hanga Adoolleessa 11 tti qofa kanneen baay’inni isaanii Kuma kudha shanii ol ta’an gara qe’ee isaaniitti deebifamaniiru jedhaniiru.

Erga waraanichan booda gaffii eenyummaa qabanii fi gaafii ofiin of bulchuu kaasaniin bulchiinsi haaraan hundaa’ee mootummaa naannoo Amaaraan baajanni faayinaansii isaa deeggaramaa kan ture Magaalaa Allaamaxaatti kantibaa kan turan Obbo Haayiluu Abarraa immoo sochiin amma namoota gara qe’ee isaaniitti deebisuu taasifamaa jiru walii galtee Piriitooriyaan alatti waan ta’aa jiru jechuun komatu. Akka Haayiluun jedhanitti bakkoota falmisiioo Aanaalee Raayyaa Baalaa , Raayyaa Allamaxaa fi magaalaa Allamaaxaa sababa buqqaatoota deebisuu jedhuun hidhhattoota Humna bilisa baasaa uummata Tigiraayiin guutummaa guutuutti qabachiisuun rakkoo nageenyaa durumaanuu bakka sana ture itti caalchiisa jedhan.

Bulchaan Godina Kibba Tigiraay Obbo Haftuunimmoo gama isaaniin buqqatoota gara qe’ee isaaniitti deebisuun kan taasifamaa jiru walii galtee mootummaa Federaalaa waliin taasifame hordofeeti jedhan.

Kan qaamooleen lamaan wal himachaa jiraniif Qaama mootummaa Federaalaa irraa Ministira Komuunikeeshiniitti bilbilee naaf hin Milkoofnee Jechuun Dasseerraa Mesfin Arraageetu gaabase.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG