Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dorgommii Filannoo Prezidaantummaa Keessaa Kan Bahan Baayiden Itti Aantuu Prezidaantii Isaani Akka Dorgommichaaf Kaadhimaman Deggersa Ibsan


FAAYILII - Pirezidaantiin Joo Baayiden fi itti aanaan pirezidaantii Kamalaa Haaris walgahii korraa koree biyyoolessaa Dimookiraatotaa irratti waltajjii irra dhaabbatanii, Adoolessa 3, 2023.
FAAYILII - Pirezidaantiin Joo Baayiden fi itti aanaan pirezidaantii Kamalaa Haaris walgahii korraa koree biyyoolessaa Dimookiraatotaa irratti waltajjii irra dhaabbatanii, Adoolessa 3, 2023.

Prezidaantiin Yunaayitid Isteetis Joo Baayiden Prezidaantii isaan duraa Doonald Traampiin dorgomanii lammata filatamuuf duula geggeessan dhaabuu isaanii Dilbata Har’aa ka beeksisan yoo tahu, kan isaanitti aanuun biyyattii hoogganaa jiran, Kaamelaa Haaris akka iddoo isaaniitti darbuun filannoo bara 2024 irratti Traampiin dorgoman deggersa isaanii beeksian.

Kan deggersi yaada uummataa qaban gad bu’aa jiru, maanguddoon umuriin waggaa 81 - Joo Baayiden, bakka dhibee KOOVID 19 irraa itti dandamataa jiran- mana boqonnaa isaanii, kan handaara Tuujii Atilaanik, Rehooboot Biich kan kutaa Delaaweer jiru irraa murtoo isaanii kana beeksisan. Itti-aantuu prezidaantiin Yunaayitid Isteetis, Kaalaa Haaris, haala kanaan seenaa Yunaayitid Isteetis waggoota 248 keessatti dubartii gurraattii fi idda dhalata Ashiyaa Kibbaa paartiilee guguddoo Yunaayitid Isteetis keessaa tokkoon kaadhimamtuu prezidaantii isaan jalqabaa tahuuf jiru.

Prezidaant falmii Waxabajjii darbe, dorgomaa isaanii, kaadhimamaa paartii Rippaabilikaanii, Doonaald Traamp waliin dhiheenya taasisan irratti gochaa jabaa agarsiisuu dadhabanii as lakkoobsi hoogganoota paartii dimookiraatii akka isaan dorgommicha keessaa bahan gaafatanii dabalaa deemeera

Forum

XS
SM
MD
LG