Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mummichi ministeeraa Abiyyi Ahmad Paartilee Siyaasaa Waliin Har’a Mari’atan


FAAYILII - Mummicha ministeeraa Abiyyi Ahmad, Finfinnee, Adoolessa 4, 2024.
FAAYILII - Mummicha ministeeraa Abiyyi Ahmad, Finfinnee, Adoolessa 4, 2024.

Mummicha ministeeraa waliin marii har’a gaggeessan irratti paartileen siyaasaa yaada adda addaa calaqqisanii jiru. Mariin kun dhimmi biyyaa kan bu’aa hunda of keessaa qabu irratti waliigaltee argamsisuuf mari’anne kan jedhan mummichi ministeeraa Abiyyi Ahmad mariin ammaa kun isa baatii Bitooteessa dabree gaggeeffamee sana itti fufii isaa ta’u marsariitii haawaasa kan ofii irratti ibsan.

Marii har’a irratti kanneen hirmaatan keessaa tokko paartii Izeemaa yoo ta’u itti aanaa hogganaa paartichaa kan ta’an Obbo Yohaannis Makonnan mariin kun walitti bu’iinsa biyyatti keessaa adda addaa dabalatee dhimmoota biyyaa fi kan haala yeroo paartileen dhiyaatan sagal irratti kan iyyaafate ture jedhan.Waa’een nagaa qabxii isa guddaa akka ture paartii Ihaapaa irraa itti aanaan dura ta’aa kan ta’an megaabii Biluuy Abrahaam Haaymaanoot ibsanii jiru.

Kanneen mootummaan afeeramanii hin argamiin hafan keessaa Ofeekoon tokko yoo ta’u dura ta’aa kan ta’an Profeesar Mararaa Guddinaa akka jedhanti mummichi ministeeraa paartilee siyaasaa waliin mariin baratamaan gaggeessan maquumaaf kan gaggeeffamuu fi yaada ofii isaanii calaqqisuuf kan taasiisan jedhanii kan amanan ta’u ibsan.

Mootummaan rakkoo biyyatti furuuf murannoo fi marii dhugaa gaggeessuuf qophii miti jedhaniikanaafis mariin kun bu’aa fida jedhee hin yaadu jedhan.

Marii kana duras paartileen siyaasaa kan bulchiinsa naannoo bulchiitoota olaanoo fi kantiiboota magaalaalee lameenii , paartileen guutuu biyyaa itti aantoota prezidaantoota paartii Badhaadhinaa wajjiin marii gaggeessuun isaanii beekamee jira jechuun keeneedii Abaata Finfinnee irraa gabaaaseejira,

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG