Xurree ittiin seenan

Breaking News

Buufata Godaantootaa ‘Awulaallaa’ Jedhamu Ka Gondar Lixaa Jiru Keessatti Lammiwwan Sudaan Lama Ajjeefaman


Baqattoota Sudaan irraa gara Itoophiyaa cehan waajjira IOM yeroo gahanii galmaahan, Matammaa, Caamsaa 4, 2023.
Baqattoota Sudaan irraa gara Itoophiyaa cehan waajjira IOM yeroo gahanii galmaahan, Matammaa, Caamsaa 4, 2023.

Godiina Gondar Dhiyaa keessatti kan argamuu buufannii godaantootaa Awulaallaa keessatti Sanbata dabree hidhattonni haleellaa geesisaniin namnii lama ajjeefamuu fi sagal madaa’uu dhaabnii baqattootaa kan Tokkummaa Mootummootaa (UNHCR) sagalee Amerikaaf ibsee jira.

Buufata kana keessa godaantonni jiraatan akka ibsanti kan ajjeefaman abbaa warraa fi haaadha warraata’u ijoollee shan qabu turan jedhu.Kanneen mada’an hedduun akka jiranis ibsanii jiru.Haleellaan kunis kan dhaqqabee waardiyyaan eeguumsaa kan mooraa Sanaa erga kaafamee booda jedhu.

Dhaabnii Bqattootaa kana Tokkummaa Mootummootaa (UNHCR) gama isaan rakkoo nageenyaa qabu kan jedhaman buufanni qubsumaa Awulaallaa fi Kumar irraa jala cufuuf Godaantoota kana buufata daahannaa haaraa Afxiix jedhamutti hojiin geessuu jalqabamuu ibseejira.

Kaleessa godaantoota 561 gamasitti geeffamuu beeksisee buufanni inni haaraan namoota 12, 500 qabachuu akkadanda’uu ibseera.Baqattonni sudaan gamasitti akka galan gochuuf dhiibbaa taasiifna jedhan

Sanbata dabree haleellaan kan irratti gaggeeffamee fi guyyoota 80 dura buufata Awuulaallaa gadhiisanii ba’uun lafa jireenya isaanii daandii cina kan godhan lammiwwan Sudaan gama isaaniin, gara mooraa Afxiix hin deemnu, qaamonni dhimmi ilaalattu Itiyoophiyaa ala biyya sadaffaatti nu haageessan jechuu isaanii Gabra Mikaa’el Gabra Madhin Finfinnee irraa gabaasee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG