Xurree ittiin seenan

Breaking News

Godinaa Gofaa Bakka Lafti Sigigaastee Namoota 250 Ol Fixe Keessaa Namoonni 5000 Baafaman Jedha Biiroon Komiyunikeeshinii Naannichaa


Godinaa Gofaa Bakka Lafti Sigigaastee Namoota 250 Ol Fixe Keessaa Namoonni 5000 Baafaman Jedha Biiroon Komiyunikeeshinii Naannichaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:01:41 0:00

Bulchiinsa naannoo Kibba Itiyoophiyaa Godina Goofaa, Aanaa Gezeetti sigaga lafaa mudateen balaa dhaqqabe hordofee namoota 5000 bakka Sanaa baasuu biiroon Komuunikeeshinii bulchiinsa naannoo Kibba Itiyoophiyaa beksiise. Itti aantuun hoogganaa biiroo Komunikeeshinii naannoo kibba Itiyoophiyaa Aadde Sennaayit Salamoon har’a sagalee Ameerikaatti akka himanitti bakka balaan kun qaqqabe ganda Keenchoo Shaachaa Goozdii keessaa namoonni kunneen baafamuu ibsaniiru. Torbaan darbe gaafa Adooleessa 14 bara 2016 balaa sigiga lafaa kanaan uumameen namoonni dhibbootaan lakkaa’aman kan du’an yommuu ta’u , baay’een isaaniimmoo balaa kanaaf saaxilamoo ta’aniiru. Kanneen balaa kanaarra hafaniifis deeggarsi gargaarsa namoomaa cimee itti fufuu isaa Aadde Senaayit ibsaniiru.

Hanga ammaattis lafa sigigaachuun namoota irratti jige qotuun reeffi namoota 229 ba’uu kan ibsan hoogganaan waajjira ittisa sodaa balaa aanaa Gezee Gofaa obbo Maasireshaa Maanaayyee ammyyuu reeffi namoota 40 ol barbaadamaa akka jirus himaniiru.

Komishinarri Komishinii Ittisa sodaa balaa Federaalaa Ambaasaaddar Shiferraaw Tekilemaariyaam Televiyoona Itiyoophiyaa isa mootummaan hoogganamuuf akka ibsanitti hanga ammaatti gargaarsi birrii miiliyoona 507 tti tilmaamu namoota balaa kanarraa hafaniif ergameera jedhan.

Hoogganaan dhaabbata mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Guutereezh balaa sigiga lafaa Godina Goofaa aanaa Gezee goofaatti dhaqqabee lubbuu namootaa dabarseetti gadda iti dhaga’ame ibsachuun taatee nama dhiphisu jedhaniiru jechuun Hawwaasaa irraa Yoonaattan Zabdiyoositu gabaase.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG