Xurree ittiin seenan

Breaking News

Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa Balaalii Ertiraa Laalchisee Qaamota Dhimmi Ilaallatu Waliin Mari'achaan Jira Jedhe


FAAYILII - Xiyyaara Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaa Adoolessa 18, 2018.
FAAYILII - Xiyyaara Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaa Adoolessa 18, 2018.

Daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa kana kan beeksiise guyyaa Roobii kaleessaa Mootummaa Eritiriyaa daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa balallii isaa gara Asmaaraatti taasiisu ji’a fulbaanaa 30 bara 2024 dhufurraa kaasee akka dhaabu ajaja dabarseera erga jedheen booda. Akka beeksiisa dhorkii balallii Finfinneerraa gara Asmaraatti taasifamuu Siivil Aviyeeshinii Eriitiriyaa irraa ba’e jedhameen daandiin qilleensa Itiyoophiyaa hojiiwwan daladalaa fudhatama hina qabnerratti bobba’ee jiraachuu, inaltoota irratti gatii tikkeettii geejibaa sababa hin qabne dabaluu, Meeshaalee imaltootaa hatuu fi meeshaalee imaltoota jalaa badaniif immoo beenyaa kaffaluu dhabuu kan jedhu keessatti argama.

Erga murtoon kun darbuun toora miidiyaa hawwaasaarra hedduu qoodamaa tureen booda daandiin geejiba qilleensa Itiyoophiyaa fuula miidiyaa hawwaasaa isaa irratti ibsa baaseen Aviyeeshiniin siliviilii Eriititiriyaa guyyoota sadiin dura gaafa dilbata Adooleessa 14 baa 2016 Murtoo dhorkii kana xalayyaan akka isa beeksiiseeru ifoomseera.

Korporeetii daandii qilleensaa Itiyoophiyaatti dubbii himtuu taate Haannaa Axinaafuu , Aveeyishiniin siivilii Eritiriyaa torbaan Sadii dura lakkofsa balallii gara Asmaraatti taasifnuu akka daballuuf xalayaan nu gaafatee ture jettee , amma immoo murtoon kun gaafa nutti himamummoo rifaatuu nutti uumeera jechuun Sagalee Ameerikaaf ibsiteetti. Dhimmoota murtoo dhorkii kanaaf akka sababaatti ka’anirrattis angawoota Eritiriyaa isaan ilaallatu waliin dubbachaa jirras jetteetti.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG