Xurree ittiin seenan

Breaking News

Muummichi Ministaraa Isiraa'el Benjaamin Netaanyaahuu Har'a Waayit Haawusitti Prezidaant Joo Baayiden Waliin Akka Dubbatan Beekamee Jira


FAAYILII - Ministirri Muummee Israa’eel Beenjaamiin Netaanyaahuu fi Pireezidaanti Yunaaytid Isteets Joo Baayideen. Israa'el, Onk 18, 2023.
FAAYILII - Ministirri Muummee Israa’eel Beenjaamiin Netaanyaahuu fi Pireezidaanti Yunaaytid Isteets Joo Baayideen. Israa'el, Onk 18, 2023.

Ministirri Muummee Israa’eel Beenjaamiin Netaanyaahuu Waashingitanitti kan argaman Kamisa har’aa Pireezidaanti Joo Baayideen waliin Waayit Haawusitti marii taasiisu jedhamee eegama. Netaan yaahuun Dhimma waraa Hamaas Irratti taasisan ilaalchisuun guyyaa kalessaa Kongireesiif haasaa dhageessiisaniiru.

Angawaan olaanaan bulchiinsa Yuunaayitid Isteetisi tokko Roobii kaleessaa Oduu gabaastootatti akka himanitti Pireezidaanti Joo Baayideenii fi Ministirri Muummee Israa’eel Beenjaamiin Netaan Yaahuu Kamisa har’aa masaraa mootummaa Waayit Haawusitti yommuu wal argan dhimmoota waraana Israa’eel Haamas irratti Gaazaa keessatti taasisaa jirtuurratti xiyyeefatu jedhamee eegama jedhaniiru. Akkasumas marii isaanii keessatti Baayideen waadaa nageenya Isa’eeriil qaban akka ibsanii fi balaa biyyoota baha gidduu galeessaatti humnoonni Iraaniin deeggaraman kanneen akka Hamaas, Hiizboollaah inni Libaanoon keessaa fi Hidhattoota Hutii warra Yeman keessaarratti xiyyeeffachuun marii bal’aa ni taasiisu jedhamee eegama.

Baayideenii fi Netaan yaahuun marii isaanii keessatti dhimmoota gargaasa namoomaa Gaazaa keessaa, dhukaasa dhaabuu, namoota Hamaasiin butamanii Gaazaa keessa jiranii akkasumas lammilee Paaleestiin mana hidhaa Israa’eel keessa jiranii irratti marii ni taasisuu jedhameera. Walii galtee waraana dhaabuu Israa’eelii fi Hamaas gidduutti taasiisuuf Yuunaayitid Isteetisi biyya Masirii fi Kaataar waliin hojjechaa akka jirtuu fi kunis adeemsa ji’oota lakkoofsiiseeru akka ta’e Angawaan olaanaan bulchiinsa Yuunaayitid Isteetisi kun oduu gabaastootaatti himaniiru.

Baayideenii fi Netaan yaahuu marii isaaniin boodas lammiilee Amerikaa maatii firoottan isaanii garee Hamaasiin gaafa Onkolooleessa 7 butamanii fudhatamaniiranii ni mariisiiu jedhamee eegama.

Netaan yaahuun marii isaanii Baayideeniin boodas Itti aantuu Pireezidantii Kaamlaa Haaris Kamisa har’aa fi Jimaata booriimmoo Kaadhimaamaa paartii warra Rippaabilikaanii pireezidaantii duraanii Doonaaldi Tiraampi waliinis wal arganii marii’achuuf jiru.

Netaan yaahuun Roobii kaleessaa Kongireesii yuunaayitid Isteetisitti dhiyyachuun haasaa kan taasisan yommuu ta’u biyyi isaanii Israa’eel waraana Hamaas irratti taasiftu hanga injifannoo dhumaatti akka itti fuftuu fi namoonni garee Hamaasiin

ukkaamfanii fudhataman hundi hanga deebiiisfamanitti waraanicha akka itti fufan dhaaddataniiru.

Galma Kongireesii Kaappitool balbalatti deeggartoonni Paaleestiin hiriira mormii taasisaa turaniiru. Akkasumas miseensonni Kongireesii kan paartii warra Dimokiraatootaarraa kanneen baay’inni isaanii 50 ta’an haasaa Netaan yaahuun dhageessisan kanarrtti hin argamne. Kanneen galmicha keessatti argamanis miseensonni Dimookiraatoota kan Kongireesii yommuu haasaa Netaan yaahuuf warri Rippaabilikaanii teessoo isaaniirraa ka’anii harka walitti rukkutuun hamilee kennaaf turanitti callisanii ta’aa tuarn.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG