Xurree ittiin seenan

Breaking News

Haalli Yaa’ii Adda Bilisummaa Uummata Tigiraay Wal-falmsiisaa Tahee Jira


FAAYILII - Magaalaa Maqalee, Naannoo Tigraay
FAAYILII - Magaalaa Maqalee, Naannoo Tigraay

ABUT ykn TPLF yaa’ii dhaabaa marsaa 14faa taasisuudhaaf koree qindeesaa dhaabuu isaa fuulaa midiyaa hawaasaa irratti beeksisee jira.

Kara biraatiin Komishiinii Too’annoo dhaabatichaa immoo Roobii kaleesaa adoolessa 17 bara 2016 gama isaatiin ibsa baseen ji’a bitootessaa darbee kaasee hojjachaa jiraachuu isaa ibsee, ABUT keessatti adeemsii dimokraatawaa hin taanee mulachaa waan jiruuf kaayyoon yaa’ii karoorfamee namoottan paarticha keessatti wal ijaaraniin butameera jedhee jira.

Yaa’iin taasifamuu wal amantaa irratti hundaa’uu qaba kan jedhe ibisii komishiinii To’annoo ABUT kun, “ kana ta’uu baanaan garuu rakkina umamuuf hoggantoonni Partichaa itti gaafatamummaa fudhachuu qabuu” jedheera.

Dhimma kana irratti sagalee Amerikaatiif akan yaada kennan durat’aan Paartii mormituu kan naannoo Tigiraay keessa socho’uu Arena Tigraay obbo Andoom Geberesilaasee namoottan ABUT keessa jiran bu’aa dhuunfaa isaaniitiif jecha rakkinii umanuu ummata irratti akka rakkinaa hin finne yaaddoo akka qaba ibsani waldhabdeen jiru fedhii ummatta irratti hundaa’ee akka karaa nagaadhaan xumuramu waamicha dabarsaniiru.

Ogeessa seera kan ta’an obboo Musxafaa Abduu yaada Sagalee Amerikaatiif kenaniin, akkaataa waligaltee Pritooriyaa isaa waldhabdee haala waara qabeessa ta’een hiikuu irrati kaa’ameen, waldhabdeen jiru karaa waliigaltee Siyaasatiin fala argachuu qaba jedhaniiru.

Muumichii Ministeeraa Itiyoophiyaa Abiy Ahimed torban kana walgahii paartilee mormitootaa wajjin taasisaniin, ABUT kan sochii siyyaasa keessatti hirmaachuu danda’u ergaa boordii filannoo biyyaalesaatiin tti galmaa’ee eeyyama argatee booda akka ta’e ibsaniiru.

ABUT yaa’ii isaa guyyaa kam akka taasisuuf deemu ifatii ibsuu baatus amma Adoolesaa 23 bara 2016 hirmaatonii yaa’ichaa akka filatamanu karoora bahe irraatti akk ibsame Mulugeetaa Atsibahaa Maqalee irraa gabaaseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG