Xurree ittiin seenan

Breaking News

Raayyaa, Alaamaaxaa fi Naannoo Sanarraa Namoonni Buqqa’anii Turan Kuma kudha Torba Qe’ee Ofiitti Deebifamanii Jiru


Raayyaa, Alaamaaxaa fi Naannoo Sanarraa Namoonni Buqqa’anii Turan Kuma kudha Torba Qe’ee Ofiitti Deebifamanii Jiru
please wait

No media source currently available

0:00 0:01:18 0:00

Aanaa Raayyaa Alaamaaxaa fi magaalaa Alaamaaxaa irraa buqa’anii magaalaa Maqalee keessa buufatanii kan turan jiraattonni kuma 17,000 ol gara qe’e isaanti deebi’uu isaanii kan ibsee bulchiinsii godiina Tigraay gama kibbaa warri dhumaa har’a deebi’uu ibsee jira. Bulchaan godiina kanaa Obbo Haaftuu Kiroos sagalee Amerikaaf akka ibsanti ammaan booda kanneen deebi’an kana hojiin deebisanii dhaabuu dhimmi ilaalacha argachuu qabu ta’u hubachiisan.

Baatilee dabran 21f maatii isaanii irraa adda ba’anii rakkoo keessa akka turan kan ibsan buqaatonnis gara qe’e isaanti deebi’uu isaanii kan isaan gammachiisee isaa dubbatan. Walitti qabaa koree eenyummaa Raayyaa Amaaraa fi daangaa deebisiisuu kan ta’an Obbo Haayiluu Abarraa torban dabree sagalee Amerikaaf akka ibsanti, naannoon Tigraay maqaa buqqaatotaan deebisaa kan jiru hidhattoota ABU (Hiwaat) jechuun deebi’uu isaanii kana morman.

Obbo Haaftuun garu buqqaatonni deebi’uun kun mootummaa Fedeeraalaa wajjiin dubbachuuN akka ta’e ibsuu isaanii Muluugeetaa Atsbahaa Maqalee irraa gabaasee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG