Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ibsawwan Angawoonni Mootummaa Somaaliyaa Yeroo Adda Addaatti Kennaa Jiran Kan Itti Gaafatamummaan Itti Hir’ate, Jetti Itiyoophiyaan  


Dubbii himaa ministira haajaa alaa Itiyoophiyaa Ambaasaddar Nabiyyuu Tedilaa, Ebla 18, 2024
Dubbii himaa ministira haajaa alaa Itiyoophiyaa Ambaasaddar Nabiyyuu Tedilaa, Ebla 18, 2024

Carraawwan garaa garaan Angawoonni mootummaa Somaaliyaa ibsoonni kennaa jiran kan itti gaafatamummaan itti hir’ate jechuun Itiyoophiyaan ibsite. Amajjii 1 bara 2024 waliigalteen wal hubannaa hulaa galaanaa fayyadamuu Itiyoophiyaa fi Somaalii landi kan addunyaarratti akka biyyaatti beekamtii hin qabne erga mallatteeffameen booda Somaaliyaa fi Itiyoophiyaa gidduutti wal dhabdee jabaachaa dhufeen Itiyoophiyaan himannaa bu’uura hin qabne jetti.

Ministirri haajaa alaa Itiyoophiyaa Ibsa har’a baaseen Itiyoophiyaan irra deddeebbiin ibsoota dubbii kaasan kan angawoota mootummaa Somaaliyaan kennaman itti dhiyeenyaan hordofaa jirti jedheera. Dubbii himaan ministira haajaa alaa Itiyoophiyaa Ambaasaddar Nabiyyuu Tedilaa Ibsoonni angawoota mootummaa Somaaliyaan kennamaa jian kanneen dubbii kaasanii fi Itiyoophiyaas hedduu kan gaddiisiisan , oolmaa Itiyoophiyaas kan dagate jechuun sagalee Ameerikaatti himaniiru.

Itiyoophiyaan Ibsa kana kan baaste erga mootummaan Federaalaa Somaaliyaa gaafa Adooleessa 15 darbee humnoonni nageenyaa Itiyoophiyaa naannoo daangaa Itiyoophiyaa fi Somaaliyaa irratti meeshaalee waraanaa seeraan alaa gara Somaaliyaatti galchuuf yaalan qabadheera jetteen booda. Somaaliyaan ibsa ishee keessatti daldaltoota meeshaa waraanaa seeraan alaa daangaa Itiyoophiyaa fi Somaaliyaa irratti sakata’insa taasiifameen qabuuf yommuu jedhan dhukaasa banameen yoo xiqqaate namoonni 12 ajjeefamuu ibsiteetti.

Waa’ee taate jedhame kanaa mootummaan Itiyoophiyaa qulqulleeffachuuf yaalus odeeffannoo qabatamaa argachuu hin dandeenye jedhan dubbii himaan ministira haajaa alaa Itiyoophiyaa Nebbiyyuu Tedila gama isaaniin.

Somaaliyaan Itiyoophiyaan Walii galtee wal hubannaa hulaa galaanaa ishee fayyaadchiisu kan Somaalii landi waliin guutummaa guutuutti yoo hin haqne waliin dubbii kamiifiyyuu akka hin teenye beeksiiftee ture. Ergasii asis waliin

dubbii biyyoonni lamaan Tarkiyyee Ankaraatti taa’anis walii galtee malee

xumurameera. Gabaasni Kan Keneedii Abaateeti.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG