Baankiin Biyyaalessaa Itiyoophiyaa ibsa harra baaseen, imaammata haaraa sochii maallaqa sharafa alaa haarawa hojiirra oolchuu ifoomseera. Maammoo Mihiretuu, Hoogganaan Baankii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa, dhiyeessi maallaqa sharafa alaa fedhii gabaa bilisaan kan murtaawu ta’uu fi baankichi fooyyessa imaammataa maallaqaa hedduu taasisuu ifoomsanii jiran.
Dookter Ittaanaa Ayyeruu, Ogeessi fi Gorsaan dhimmoota diinagdee, imaammanni kun miidhaa fi faayidaa mataasaa qabaachuu himanii, garuu akkaataa fi yeroon itti mootummaan murtee kana hojiirra oolche sirrii miti jechaan qeeqan. Dookter Lammeessaa Taarikuu, Waldaa Ogeeyyii Diinagdee Itiyoophiyaatti qorataan diinagdee, murteen kun qaalawiinsa gatii ammaa ‘biyya ammacaa jira’ jedhan waan itti caalchisuuf mootummaarraa hojii guddaatu eegama jedhan, Galmoo Daawit dabalata isaa qopheesseera.
Forum